“Manddarri Xiraat ”Pirojektii bu’ura misoomaa biyyalessaa ‘qulqullinaa’ har’a eebbifama - ENA Afaan Oromoo
“Manddarri Xiraat ”Pirojektii bu’ura misoomaa biyyalessaa ‘qulqullinaa’ har’a eebbifama
Sadaasa 14/2017(TOI)- “Manddarri Xiraat”Pirojektii bu’ura misoomaa biyyalessaa ‘qulqullinaa’ wayita ministirri muummee Dr Abiyyi Ahimad ministira Saayinsii fi Teeknooloojii turan jalqabame har’a akka eebbifamu waajjirri ministira muummee beeksise.
Mandarri qulqullinaa dhaabbilee ijoo kan ofkeessatti hamate ta’uun ibsameera.
Kanneen keessaa inistiitiyuutiin sadarkaalee Itiyoophiyaa, dhaabbata madaallii walsimsiisaa, inistiitiyuutii naamusaa Itiyoophiyaa, tajaajila Akireediiteeshinii Itiyoophiyaa fi abbaa taayitaa teeknooloojii Itiyoophiyaa keessatti argamu.
Bu’urri misoomaa qulqullinaa biyyaalessaa (NQI) , misooma sadarkaalee biyyattii,naamusaa, beekamtii kennuu, qorannoo madaallii, hordoffii gabaa fi qulqullina beeksisuu cimsuun tajaajila mirkaneessa qulqullinaa guddisuuf kan kaayyeffatedha.
Mandarri qulqullinaa meeshaalee ammayyaan deeggaramee fi dandeettii fooyya’aa qabu, Itiyoophiyaan sadarkaalee idil addunyaa waliin haala fooyya’een akka mijatu, gufuulee teekniikaa akka hir’isuu fi hirmaannaa daldala addunyaarratti qabdu akka fooyyessitu akka deeggaru waajjirri ministira muummee ibseera.