Qajeelfamni diizaayinii daandii magaalota Itiyoophiyaa ifoome

Sadaasa 14/2017(TOI)- Qajeelfamni diizaayinii daandii magaalota Itiyoophiyaa ministeerri geejjibaa fi loojistiksii inistiitiyuutii imaammata misoomaa geejjibaa idil addunyaa waliin qopheesse ifoome.

Egzibiishinii fi Siimpooziyeemiin Itiyoo-giriin moobiliitii kaleessa baname ittifufeera.

Siimpooziyeemiin qaama kanaa ta’e har’a taa’amaa jira.

Qajeelfamni (maanuwaaliin)diizaayinii daandii magaalota Itiyoophiyaa inistiitiyuutiin imaammata misooma geejjibaa idil addunyaa fi ministeerri geejjibaa fi lojistiksii qopheessan ifoomeera.

Qajeelfamni kun misoomota kooriidarii magaalotaa akkasumas daandiiwwan bisikileetii fi lafoo kan yaada keessa galche ta’uun eerameera.

Qajeelfamichi daandii konkolaattota geejjiba hawaasaa daandiin biskileetii fi lafoo bal’isuun tajaajilli geejjibaa mijataa akka jiraatu nitaasisa jedhameera.

De’eetaan ministira geejjibaa fi loojistiksii Dengee Boruu wayita kana akka jedhanitti, Itiyoophiyaan geejjiba magariisaa egeree bal’isuuf hojjechaa jirti.

Faalama qilleensaa addunyaatti gufuu ta’e kana ittisuuf geejjiboota humna haaromuun hojjetanitti fayyadamuu barbaachisa jedhan.

Itiyoophiyaan anniisaa haaromu qabdutti fayyadamuun sektara geejjibaa ammayyeessuuf tarsiimoo magariisaa baaftee hojjechaa akka jirtu eeraniiru.

Geejjiba hawaasaa fi biskileetii bal’isuun cinaatti daandiiwwan lafoo mijataa ta’an hojjechuun lammiin fayyabuleessi akka uumamu hojjetamaa akka jiru ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015