Itiyoophiyaan guddina start appiif haala mijataa uumuuf hojjechaa jirti - ENA Afaan Oromoo
Itiyoophiyaan guddina start appiif haala mijataa uumuuf hojjechaa jirti
Sadaasa 14/2017(TOI)-Haala mijataa guddina start appii Itiyoophiyaatti uumuuf hojjetamaa akka jiru ministeerri Innoveeshinii fi Teeknooloojii ibse.
Wixineen labsii guddina start appii Itiyoophiyaaf hojmaata dhaabbatummaa fi seera qabeessa diriirsu ummataaf dhihaatee mariin taasifamaa jira.
Kaayyoon wixinee labsii kun start appiif deeggarsa dhaabbatummaa fi seera qabeessaa kennuun guddina damee kanaa Itiyoophiyaa keessatti mijataa taasisuufi.
Rakkoolee sektara staar appiirratti mul’atan furuu fi dhiheessii faayinaansii mijeessuunis xiyyeeffannoo wixinee kanaa isa birooti.
Ministirri Inniveeshinii fi Teeknooloojii Dr. Ballaxaa Mollaa wayita kana akka ibsanitti, hojii Itiyoophiyaan hiyyuma jalaa bahuuf hojjechaa jirtu teeknooloojii fi kalaqaan deeggaruuf hojiiwwan hedduun hojjetamaa jiru.
Riifoormiin dinagdee mandhalee xiyyeeffannoo sektara dhuunfaaf kenneen hojii uumtonni hedduun dinagdee keessa gala akka jiran eeranii, start appiin qaama kanaa ta’uusaa dubbataniiru.
Xiyyeeffannoo addaa mootummaan start appiif kenneen hojii uumtonni hedduun uumamaa waan jiraniif, hojmaata diriirsuuf wixinee labsii qophaa’uusaa dubbatanii labsichi hojmaata mijeessuun kalaqa jajjabeessuuf faayidaa guddaa akka qabu dubbataniiru.
Hooggantoonni mootummaa olaanoon, staar apponnii fi sektara kanarratti kan hojjetan biroon marii kanarratti kan argaman yoo ta’u, galteewwan labsicha gabbisan walitti qabamu jedhameera.