Finfinneetti dirreewwan Ispoortii kuma 1 fi 300mcaalan tajaajilaaf oolaniiru-Kantiibaa Adaanech Abeebee

Sadaasa 15/2017(TOI)-Dhaloota sammuu fi qaamaan gabbate magaalaa keenyatti uumuuf bakkeewwan Ispoortiin itti hojjetaman kuma 1 fi 300 caalan hojjetamanii taajaajilaaf ooluusaanii kantiibaan magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee ibsan.

Kantiibaa Adaanech Abeebee ergaa fuula marsariitiisaaniirratti dabarsaniin ayyaana hundeeffama paartii badhaadhinaa waggaa shanaffaa sababeeffachuun har’a ganama sosochii h ga’umsa qaamaa kan jiraattonni kuma 300 caalan irratti hirmaatan taasifneerra jedhan.

Paartiin badhaadhinaa waggoota shaman darban magaalaa Finfinnee miidhagsuun gamatti, dhaloota sammuu fi qaamaan gabbate uumuuf bakka jiraattonni ispoortii itti hojjetan kuma 1 fi 300 caalu qopheessee tajaajilaaf oolcheera jedhan.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015