Atileet Warqiwuhaa Geetaachoo Feestivaalii Ispoortii humnoota waraanaa guutuu Afriikaatiin Machaaliif warqee fudde

Sadaasa 16/2017(TOI)- Atileet Warqiwuhaa Geetaachoo Feestivaalii Ispoortii humnoota waraanaa guutuu Afriikaatii lammaffaatiin Machaaliif warqee fudde.

Feestivaaliin Naayijeeriyaa Abujaatti adeemsifamaa jiru har’a guyyaa shanaffaasaati.

Kilabiin Ispoortii Machaal dorgommii Atileetiksiin Itiyoophiyaa bakka bu’uun dorgomaa jira.

Dorgommii xumuraa dubartootaa meetira 5000niin Warqiwuhaa Geetaachoo tokkoffaa baatee Meedaaliyaa Warqee fiddeetti.

Ajajaa shantamaa Ayaalfim Daanyaachoo lammaffaa bahuun meedaaliyaa Meetii badhaafamnteetti.

Utaalchoo dheeraa dubartootaa ittaantuu ajajaa kudhanii Batsaloot Alamaayyoo fi diskasii darbachuu dubartootaan ajajjuu kudhanii Zurgaa Usmaan meedaaliyaa Meetii badhaafamteetti.

Naayijeeriyaatti ambaasaaddarri Itiyoophiyaa Laggasee Garramuu fi dippilomaatonnii fi hojjettoonni biroon dorgommicharratti argamuun atileetota jajjabeessa niiru.

Haala wal fakkaatuun atileetonni dhiiraa fi dubartii dorgommii gulaallii meetira 400 irratti hirmaatan saala lamaanuu xumuraaf darbaniiru.

Machaal feestivaalii Kanaan amma ammaatti Warqee 1 fi meetii 4 walumaa gala meedaaliyaa 5 argachuusaa odeeffannoon ministeera ittisaarraa argame  nimul’isa.

Itiyoophiyaa dabalatee Ispoortessitoonni biyyoota Afriikaa 25 irraa walitti dhufan kuma 1 184 Feestivaalii Ispoortii kanarratti hirmaachaa jiru.

Fwwstivaalii kana jalqabaaf Keeniyaan erga qopheessitee booda waggaa 20f addaan citee waggaa 20 booda deebi’ee dorgomamuu jalqabeera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015