Qajeelchi olaanaa lojistiiksii ministeera ittisaa egzibiishinii “Itiyoo-giriin mobiliitii 2024” daawwatan

Sadaasa 16/2017(TOI)- Gareen hooggantoota olaanaa qajeelchicha Ministeera ittisaatti qajeelchi olaanaa letenaal Jeneraal Abduraahimaan Ismaa’eliin durfamu egzibiishinii “Itiyoo-giriin mobiliitii 2024”wateera.

Ministirri geejjibaa fi lojistiksii Dr. Alamuu Simee fi de’eetaan ministiraa Dengee Boruu daawwannicharratti argamaniiru.

Oomishaa fi tajaajiloota dhaabbileen biyya keessa fi biyya alaa geejjiba magariisaarratti hojjetan dhiheessan daawwataniiru hooggantoonni qajeelchaa kunneen daawwataniiru.

Dhaabbileen konkolaattota anniisaa elektiriikiin hojjetan oomishan, suphanii fi biyya galchuun gurguran oomishasaanii egzibiishinii kanarratti dhiheessaniiru.

Guyyaa afraffaasaa kan qabate egzibiishiniin “Itiyoo-giriin mobiliitii 2024” amma Sadaasa 20 bara 2017tti akka turu odeeffannoon ministeera geejjibaa fi lojistiksiirraa argame nimul’isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015