Atileet Magartuu Alamuu Maaraatoonii Vaaleensiyaa mo’atte - ENA Afaan Oromoo
Atileet Magartuu Alamuu Maaraatoonii Vaaleensiyaa mo’atte
Sadaasa 22/2017(TOI) Atileet Magartuu Alamuu dorgommii Maaraatoonii Vaaleensiyaa har’a waareerratti taasifame mo’atteetti.
Atileet Magartuun dorgommii kana sa’aatii 2 daqiiqaa 16 sakondii 49n xumurteetti.
Atileetiin Itiyoophiyaa kan biraan Xiruyyee Masfin sadaffaa baatee xumurteetti.
Atileetiin lammii Yugaandaa Steellaa Cheesaand sadarkaa lammaffaa baateetti.
Dorgommii Vaaleensiyaa waggaa darbe dorgomameen atileetonni Itiyoophiyaa olaantummaan xumuruunsaanii niyaadatama.
Dorgommicha atileet Warqinash Dagafuu tokkoffaa yoo baatu atileet Almaaz Ayyaanaa lammaffaa atileet Hiywoot G/Kidaan sadaffaa bahuun mo’ataniiru.
Atileet Amaanee Bariisoo Riikoordii Maaraatoonii Vaaleensiyaa kan harkaa qabdu yoo ta’u dorgommii waggaa lama dura taasifameen sa’aatii 2 daqiiqaa 14 sakondii 58n xumuruun riikoordii haaraa galmeessitee mo’achuunshee niyaadatama.
Atileet Amaaneen sababa miidhaatiin dorgommii Vaaleenshiyaa baranaa irratti akka hinhirmaanne ibsameera.