Dorgommii Maaraatoonii Vaaleensiyaa har’a dorgomameen Atileet Darrasaa Galataa lammaffaa bahee xumuree - ENA Afaan Oromoo
Dorgommii Maaraatoonii Vaaleensiyaa har’a dorgomameen Atileet Darrasaa Galataa lammaffaa bahee xumuree
Sadaasa 22/2017(TOI)- Dorgommii Maaraatoonii Speen Vaaleensiyaatti har’a dorgomameen Atileet Darrasaa Galataa atileetii Keeniyaa Seebaastiyaa Saaweetti aanuun lammaffaa bahee xumureera.
Atileetiin Keeniyaa kan biraan Daanii’eel Maateekoo sadaffaa yoo bahu, Cimdeessaa Dabalee 6ffaa akkasumas bardheengaddaa dorgommicha kan mo’ate atileet Sisaay Lammaa 10ffaa baheera.
Maaraatoonii Vaaleensiyaa bardheengaddaa dorgomameen atileet Sisaay Lammaa sa’aatii 2 daqiiqaa 1 sakondii 48n xumuruunsaa niyaadatama.
Atileet Sisaay lammaa dabalatee olompiikii sadiin kan injifate atileet Qananiisaa Baqqalaa, atileet Andaamlaak Ballihuu, atileet Darrasaa Galataa, atileet Birhaanuu Maggasaa, atileet Guyyee fi atileet Cimdeessaa Dabalee walumaa gala atileeetonni Itiyoophiyaa torba dorgommii Valeensiyaa baranaarratti hirmaataniiru.