Itoophiyaan ragaa bulchiinsa misooma bosona yeroo argachuu Manni Maree Bulchiinsa Bosonaa beeksise

Sadaasa 23/2017(TOI) - Itoophiyaan ragaa bulchiinsa misooma bosona yeroo argachuu Manni Maree Bulchiinsa Bosonaa beeksise

Manni Maree Bulchiinsa Bosonaa, bulchiinsa misooma bosonaa cimsuun omishitummaa fi Addunyaa mijattuu uumuuf bara Faranjootaa 1993 kan hundeeffamee Dhaabbata Idil Addunyaati.

Haaluma kanaan Addunyaa irratti lafa bosona waraqaan ragaa kennameef lafa hektaara miiliyoona irra jiru 150 ol bulcha jira.

Sadarkaan Bulchiinsaa Bosonaa har’a ifoomse kunis damee bosonaan Itoophiyaa cimsuun qulqullinaa fi barbaadamummaa oomishaalee bosonaa gabaa Addunyaaf dhiyaatan kan guddisuudha jedhameera.

Keessattuu dhiibbaa sirna ikoorra gahu hir'isuun qabeenyawwan akka bishaanii, kaarboonii, heddummina lubbu qabeeyyii fi kanneen biroo eeguuf ni gargara jedhameera.

Itoophiyaan karoora biyyoota galii giddu galeessaa qaban keessaa tokko ta’uuf qabdu dhugoomsuuf bara 2025tti lafa bosonni irraa cirame dhume hektaara miiliyoona 15 deebistee bosonaan uwwisuuf hojjechaa jirti.

Daarektarri Olaanaa Misooma Bosonaa Itoophiyaa obbo Kabbadaa Yimaam uwisnni bosona Itoophiyaa dhibbeentaa 23.6 gahuu ibsaniiru.

Sadarkaan bulchiinsa misooma bosonaa kun sirni bulchiinsa bosonaa cimaa diriirsuun cirama bosonaa hi'isuuf kan dandeesisudha jedhaniiru.

Itoophiyaatti sirna bulchiinsaa fi to’annoo bosonaa cimaa uumuun omishaafi oomishtummaa akka dabalu himaniiru.

Itoophiyaan eegumsa bosonaa cimsuu bira darbee qulqullinaa fi baay’inaan gabaa addunyaaf dhiyeessuun akka danda’amu kan taasisudha jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015