Agarsiifni Innoveeshnii fi Teeknooloojii biyyoota miseensa dhaabbata tumsa kibbaa golambaa Saayiniitti baname

Sadaasa 23/2017(TOI)- Agarsiifni Innoveeshnii fi Teeknooloojii biyyoota miseensa dhaabbata tumsa kibbaa golambaa Saayiniitti baname

Staartaapponnii fi Kalaqxoonni teeknooloojii biyyoota miseensarraa walitti dhufan 40 calan hojiisaanii kan dhiheessan yoo ta’u har’aa eegalee guyyoota lamaaf akka turu ibsameera.

Ministirri Innoveeshinii fi Teeknooloojii Dr. Ballaxaa Mollaa, barreessaan olaanaa dhaabbata tumsa kibbaa Sheeh Mansur Biin Musaalam, bakka bu’oonni biyyoota miseensaa fi keessummoonni waamaman argamaniiru.

Agarsiifni kun muuxannoo qooddachuu fi hojiiwwan kalaqaa guddisuuf kan akeekkatedha jedhameera.

Kalaqxoonni hojii kalaqasaanii beeksisuun cehumsaa fi walitti hidhamiinsa  teeknooloojii   uumuuf isaan dandeessisa jedhameera.

Ministirri Innoveeshinii fi Teeknooloojii Dr. Ballaxaa Mollaa akka ibsanitti, Itiyoophiyaan dinagdee mandhalee si’achiisuuf innoveeshinii fi teeknooloojiirratti hojjechaa jirti.

Itiyoophiyaatti Kalaqxoota onnachiisuudhaan hojiiwwan kalaqaa rakkoo dinagdee fi hawaasummaa furan gabbisuun fayyadamaa ta’uu eegaluushee dubbataniiru.

Barreessaan olaanaa dhaabbata tumsa kibbaa Sheeh Mansur Biin Musaalam, Hojiin  Itiyoophiyaan kalaqaa fi teeknoloojii hojjechuun fayyadamuu jalqabde dinqisiisaadha jedhaniiru.

Biyyoonni fayyadama Innoveeshinii  fi teeknooloojii bal’isuuf tumsaan hojjechuu akka ittifufan himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015