Guyyoota 10 dhufan naannawa biyyattii hedduutti qilleensi midhaan walitti qabuuf mijataa ta’e nijiraata-Inistiitiyuutii Mitiyoorooloojii Itiyoophiyaa

Sadaasa 23/2017(TOI)- Guyyoota 10 dhufan naannawa biyyattii hedduutti qilleensi midhaan walitti qabuuf mijataa ta’e akka jiraatu Inistiitiyuutii Mitiyoorooloojii Itiyoophiyaa beeksise.

Inistiitiyuutichi ibsa TOIf ergeen akka beeksisetti, guyyoota itti aanan bonni wayitii gannaa lammaffaa kan itti ta’e godinoota Gujii fi Booranaa, godinoota naannoo Sidaamaa, godinoota naannoo kibba Itiyoophiyaa, fi godinoota kibba Somaaleetti rooba xiqqaarraa amma jiddugaleessaa akka argatan eerameera.

Haalli qilleensaa gogaa fi jiidhaa guyyoota 10 dhufan kutaalee biyyattii hedduutti jiru midhaan sassaabuuf mijataa ta’uu ibseera.

Walakkaa torbee kanaa booda kutaaleen biyyattii Kaaba, Kaaba lixaa fi jiddugaleessaa roobni xiqqaa amma jiddugaleessaa yeroosaa hin eegne akka eegamu raageera.

Kanaaf qonnaan bultoonni kana hubachuun osoo hindagatiin midhaan oyiruurra jiru guyyoota caamaa jiranitti akka walittiqaban waamicha taasiseera.

Gama biraatiin jiidhinni xiqqaarraa amma jiddugaleessaatti kutaalee biyyattii kibbaa fi kibba lixaatti darbee darbee eegamu naannawoota Oromiyaa Kibbaa muraasatti midhaan bonaa oomishanitti gaarii akka ta’e ibseera.

Dabalataanis naannawoota  horsiisee bulaa fi walakkaan horsiisee bulaaf margaa fi bishaan dhugaatiif qooda gaarii qabaata jedhameera.

Akkaataa raga kanaatiin haalli qilleensaa biyyattii bishaan hidhaa fi lafarraa fooyyessuun jallisii bonaaf gaarii akka ta’e eereera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015