Itiyoo telekoom kaampaaniiwwan telekoomii Jibutii fi Sudaan waliin waliigaltee mallatteesseItiyoo telekoom kaampaaniiwwan telekoomii Jibutii fi Sudaan waliin waliigaltee mallatteesse - ENA Afaan Oromoo
Itiyoo telekoom kaampaaniiwwan telekoomii Jibutii fi Sudaan waliin waliigaltee mallatteesseItiyoo telekoom kaampaaniiwwan telekoomii Jibutii fi Sudaan waliin waliigaltee mallatteesse
Sadaasa 24/2017(TOI)- Itiyoo telekoom telekoomii Jibutii fi garee telekomunikeeshinii Sudateel walitti hidhamiinsa telekoomii daangaa cehuuf qooda murteessaa kan qabu inisheetiivii horaayizen faayibar konneektiiviitii waliin hojjechuuf waliin waliigaltee mallatteesseera.
Inisheetiivichi Afriikaanota telekoomiin walitti hidhuu fi gaanfa Afriikaa Isiyaa, Awurooppaa fi addunyaa addunyaa hafe waliin walitti fuiduuf kan akeekkatedha jedhameera.
Hojii raawwachiiftuun olaanaa Itiyoo-telekoom Fireehiywoot Taammiruu akka dubbatanitti, Inisheetiivichi keebilii lafarra diriirfamuun walitti hidhamiinsa telekoomii daangaa cehu mijeessuuf kan yaadamedha.
Waliigaltee kana hojeessuuf oppireetaroonni sadan bu’ura misoomaa qaban qindeessanii akka fayyadaman ibsaniiru.
Waliigaltichi galma 2030tti Afriikaa dijitaalaa dhugoomsuu fi walitti hidhamiinsa Ardii cimsuuf gomaacha gaarii qaba jedhan.
Inisheetiivichi sararoota bu’a qabeessa odeeffannoon ittiin dabarfamu dhiheessuu, suphaa si’ataa gochuun addaan ciccituu neetwoorkii hir’isuuf galma kan godhatedha.