Kabaja guyyaa saboota, sablamootaa fi uummatoota sababeeffachuun dorgommii fiigicha kilomeetira 5 magaalaa Arbaamincitti geggeeffame.

Sadaasa 25/2017 (TOI) - Kabaja guyyaa saboota, sablamootaa fi uummatoota Itoophiyaa 19ffaa sababeeffachuun dorgommii fiigicha kilomeetira 5 magaalaa Arbaamincitti geggeeffame.

Dorgommiin fiigichaa kunis mata duree '' Ashaaraa keenya Istaadeemii keenyaaf'' jedhuun geggeeffame.

Sagantaa kanarratti pirezidaantiin naannoo Kibba Itoophiyaa obbo Xilahuun Kabbadee akka himanitti; kaayyoon dorgommii fiigichaa kun guyyaa saboota, sablamootaa fi uummatoota Itoophiyaa sababeeffachuun kan qophaa'e ta'uu himanii asumaanis ijaarsa Istaadeemii Arbaaminci mallaqaaan deeggaruudhafi jedhaniiru.

Ijaarsa istaadeemii kana dabalatee magaalichatti hojiiwwan misoomaa biroo hojjetama jiran xumuruuf fayyadamummaa uummata mirkaneesuuf ciminaan xiyyeeffannoon ni hojjetamas jedhaniiru.

Guyyaan saboota, sablamootaa fi uummatoota Itoophiyaa 19ffaan sadaasa 29/2017 magaalaa Arbaaminicitti kabajama.

 

 
Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015