Gareen jilaa Jibutii Telekoom fi green telekomunikeeshinii Sudaateel jiddugaleessa Itiyoo telekoom eksipiiriyeensi yaadannoo injifannoo Adwaatti argamu daawwatan

Sadaasa 25/2017 (TOI)- Gareen jilaa hojii raawwachiiftota Jibutii Telekoom fi green telekomunikeeshinii Sudaateeliin durfamu jiddugaleessa Itiyoo telekoom eksipiiriyeensi yaadannoo injifannoo Adwaatti argamu daawwataniiru.

Hojii raawwachiiftuun olaanaa Itiyoo Telekoom Fireehiywoot Taammiruu fi hooggantoonni biroon tajaajiloota teeknooloojii dheeraa, dijitaalaa fi tajaajiloota dameewwan garagaraa ilaalchisuun ibsa taasisaniiru.

Jilli kun xiyyeeffannoo gudda dijitaal sooluushinootaaf kennee fi dandeettii bu’ura misoomaa guddaa Itiyoo Telekoom ijaare dinqisiifateera.

Itiyoo Telekoom oppireetaroota Afriikaa hedduuf fakkeenya kan ta’udha jedhaniiru.

Itti dabaluunis jiddugaleessa eksipiiriyeensii kalaqa,dirree dijitaalaa guddisuun tiraanisfoormeeshinii dijitaalaa Afriikaa irratti ashaaraa kaa’uu kan danda’u akka ta’e ibsaniiru.

Kaampaanichi Biyyarra darbee tiraanisfoormeeshinii Afriikaa dhugoomsuuf qooda bahaa jiru dinqisiifachuun hooggansi Itiyoo telekoom guddinni dinagdee dijitaalaa hundagaleessi akka mirkanaa’u kutannoo qabu dinqisiifachuusaanii odeeffannoon dhaabbaticharraa argame nimul’isa.

Itiyoo telekoom jibutii telekoomii fi garee telekomunikeeshinii Sudaateel waliin walitti hidhamiinsa telekoomii Afriikaa daangaa cehuuf qooda olaanaa kan qabu Inisheetiivii konneektiviitii Horaayizen Faayiber waliin hojjechuuf kaleessa waliigaltee mallatteessuunsaanii nibeekama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015