Dhiibbaa jijiirama qilleensaa sababa manca'uu qabeenya uumamaan mudachaa jiru xiqqeessuuf hirmaannaa qooda fudhattootaa cimsuun murteessaa.

Mudde 18/2017(TOI)- Dhiibbaa jijiirama qilleensaa sababa manca'uu qabeenya uumamaan mudachaa jiru xiqqeessuuf hirmaannaan qooda fudhattootaa cimsuun murteessaa ta'u Abbaan Taayitaa Bosonaafi Jijjiirama Qilleensaa Oromiyaa beeksise.

Hubannoon Labsii Misooma, Bulchiinsaafi ittifayyadama bosona naannoo Oromiyaa murteessuuf bahe lakkoofsa 257/2016rratti qooda fudhattootaafi Baalee Roobeetti kenname.

Daarektarri ol'aanaan Abbaa Taayitaa Egumsa Naannoofi Jijjiirama Qilleensaa Oromiyaa Obbo Seeyfaddiin Mahdii akka jedhanitti tarsiimoo diinagdee magariisaa sadarkaa biyyaatti hojiirra oolaa jiru karaa giddugaleessa godhateen misooma ittifufiinsa qabu mirkaneessuuf qabeenyi bosonaa gahee olaanaa qaba.

Naannichatti misoomni bosona ittifufiinsa qabu akka jiraatu hojjachuun cinaatti sababa mancaatii bosonan dhiibbaa jijjiirama qilleensaa mudachaa jiru xiqqeessuufis qindoominni qooda fudhattootaa cimuu qaba jedhaniiru.

Itti aanaan daarekatara olaanaa Dhaabbata Bosonaafii Bineensa Bosonaa Oromiyaa Obbo Kadiir Niinoo naannichatti iddoolee hirmaannaa hawaasaatiin bosona kunuunsuun eegalametti mancaatiin bosonarra gahaa jiru xiqqaachaa jira jedhaniiru.

Hawaasni naannawwaa bosonaa jiraatu bosona kunuunsuun waggoottan dabran gurgurtaa daldala kaarboonirraa qarshii miliyoona 450 ol arggachuusaanii eeraniiru.

Ittigaafatamaan abbaa Taayitaa Eegumsa Naannoofi Jijjiirama qilleensaa Godina Baalee Obbo Assagid Fallaqaa gamasaaniitiin mancaatii hafteelee bosona uumamaa godinichaarra gahu hambisuuf qooda fudhattoota gara garaa wajjiin qindoominaan hojjetama jirachuu himaniiru.

Dhaabbata Farm Afrikatti qindeessaan pirojektii FSDP Obbo Tilmoo Jamaa gamasaaniitiin carraaqqii mootummaan kunuunsa qabeenya umamaa ittifufiinsa qabu mirkaneessuuf taasisaa jiru milkeessuuf tumsaa jiraachuu eeraniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015