Manni Marichaa hojii dijitaalaa Mana Murtii Waliigalaa daawwate. - ENA Afaan Oromoo
Manni Marichaa hojii dijitaalaa Mana Murtii Waliigalaa daawwate.
Muddee 22/2017 (TOI) - Mana Maree Bakka Bu'oota Uummataatti Koreen Dhaabbii Dhimmoota Seeraa fi Haqaa kenniinsa tajaajilaa Mana Murtii Waliigalaa ammayyeessuuf hojii teeknooloojii dijitaalaa hojjetamaa jiru daawwateera.
Pireezidaantiin Mana Murtii Waliigalaa Teediroos Mirat hoggantoota olaanoo mana murtii waliigalaa biroo waliin ta’uun kenniinsa haqaa teeknooloojii dijitaalaatiin deeggaramee kennamu ilaalchisuun miseensota koree dhaabbiitii kanaaf ibsa kennaniiru.
Teeknooloojiiwwan dijitaalaa kunneen tajaajila abbaa seerummaa fi hojimaataa manneen murtiitiin kennaman bu’a qabeessa, ammayyaa fi dhaqqabamaa akka ta’uuf kan qophaa’an ta’uun daawwannaa kana irratti ibsameera.
Koreen Dhaabbii kun ijoon teeknooloojiiwwan dijitaalaa sadii Mana Murtii Waliigalaa Federaalaatti tajaajila adda addaa kennaa jiran daawwateera.
Kana malees korichi Giddugala Teeknooloojii Itiyoo-Telekoomiin misoome kan Muuziyeemii Adwaatti argamu daawwateera.
Giddugalichi wiirtuu teeknooloojiiwwan dhaabbilee adda addaa walitti hidhu yoo ta'u; teeknooloojiiwwan Mana Murtii Waliigalaas karaa giddugalichaa tajaajila kennaa akka jiran ibsameera.