Yuunivarsiitichi Itoophiyaan teeknooloojiiwwan barbaachisoo ta'an irratti dandeettii guddaa akka horattu taasisuu keessatti gahee olaanaa bahachaa jira. - ENA Afaan Oromoo
Yuunivarsiitichi Itoophiyaan teeknooloojiiwwan barbaachisoo ta'an irratti dandeettii guddaa akka horattu taasisuu keessatti gahee olaanaa bahachaa jira.
Mudde 23/2017 (TOI) - Yuunivarsiitiin Raayyaa Ittisa Itoophiyaa Itoophiyaan teeknooloojiiwwan barbaachisoo ta’an irratti dandeettii guddaa horattu gumaacha olaanaa taasisaa jira jedhan Ministirri Teeknooloojii fi Innooveeshinii doktar Ballaxee Mollaa.
Doktar Ballaxee Mollaa fi hoggantoonni dhaabbilee itti waamamtoota ministeerichaa ta'an hojii Yuunivarsiitichaa daawwataniiru.
Daawwannaa kanarratti Itoophiyaan teeknooloojiiwwan barbaachisoo ta’an irratti dandeettii guddaa akka horattu taasisuu keessaatti gaheen yuunivarsiitichi barnootaa fi qorannoo keessatti qabu guddaa ta'uu ministirri Tekinolojii fi Innooveshinii doktar Ballaxee Mollaa ibsaniiru.
Hojiin qorannoo damdaneesii ogummaa waraanaa irratti Yuunivarsiitichi taasisaa jiru ogummaa raayyichaa yeroo gabaabaa keessatti sadarkaa olaanaan gahuu kan danda'udha jedhaniiru.
Raayyaan Ittisaa qorannoo waraanaa fi ce'uumsa teeknooloojii irratti bu’a qabeessa akka ta’u dhaabbileen dhimmi ilaallatu yuunivarsiiticha waliin ta’uun akka hojjetan waamicha taasisaniiru.
Ministeerri Innooveeshinii fi Teeknooloojii Yuunivarsiiticha waliin ta’uun teeknooloojii hawaa, bu’uuraalee misoomaa TQO, misooma humna namaa, fi kanneen biroo irratti akka hojjetu ibseera.
Yuunivarsiitiin kun hojii qorannoo fi misoomaa bal’aa gaggeessaa akka jiru komandentiin Yuunivarsiitii Rayyaa Ittisa Itoophiyaa Birgaadeer Jeneraal Kabbadee Raggaasaa ibsaniiru.
Odeeffannoon Raayyaa Ittisa Biyyaa irraa argame akka mul'isutti, Ministeerichii fi dhaabbileen itti waamamtoonni isaa wiirtuu barnoota waraanaa guddicha biyyattii teknooloojii ammayyaatiin cimsuuf deeggarsa akka godhamu waamicha dhiyeessaniiru.