Kirkira lafaa naannawa Sulula Qinxamaatti mudachaa jiru hordofuun ogummaa Saayinsiin alaa odeeffannoon tamsaafaman burjaajii uumuu hin qaban

Mudde 24/2017(TOI) - Lammileen Kirkira lafaa naannoo Affaar naannnwa Sulula Qinxamaatti mudachaa jiru hordofuun ogummaa Saayinsiin alaa odeeffannoo tamsaafamaniin barjaaja'uu akka hin qabne Yuunivarsiitii Finfinneetti qorataan damichaa Piroofeesar Attaalay Ayyalee beeksisan.

 

Kirkirri lafaa taatee uumamaa walitti bu'insa dhaagaa lafa jalaanii fi humna lafa jalaa dhiibbaan ol bahuun kan uumamuu ta'uu qoaratoonni damichaa kan himan.

 

Erga yeroo dhihoo as naannoo Affaar naannawwaa sulula qinxamaatti keessattu gaara Fantaallee fi naannawwaa isaatti darbee darbee kirkirri lafaa uumamaa jirachuun ni beekama.

 

Tajaajilli Oduu Itiyoophiyaa dhimma kana ilaalchisuun Yuunivarsiitii Finfinneetti qorataa kirkira lafaa fi barsiisaa Inistiitiyuutii Ji'oofiziksii, Saayinsii Hawaa fi Astiroonomii piroofeesar Attaalay Ayyaalee dibbiseera

 

Akkataa saayinsiitti lafti yeroo hundaa sochiirra kan jirtu waan taateef Voolkaanoo, Sigiginni fi kirkirri lafaa akkasuma taateewwan balaa uumamaa kana fakkatan biroon kan eegamanidha jedhaniiru.

 

Bara darbe ji'a Fulbaanaa fi Onkoloolessaa keessa naannaawwa Awaash Fantaalee kirikirri lafaa walfakaataan turuu yaadachiisanii; erga yeroo dhihoo as garuu irra deddebiin mudachaa jiraachuu piroofesarichi himaniiru.

Itiyoophiyaa naannaawwa sululula qinxamaatti kirkirri lafaa mudatu dhagaa gubataa lafa jala jiruun kan wal qabatu ta'uu eeranii, kirkirri lafaa kanaan mudatu miidhaa guddaa kan uumuu danda'u miti jedhaniiru.

 

Kirkira lafaa kana waliin walqabatee odeeffannoowwan doggoraa saayinsawwaa hin taanee fi kanneen lammilee jeeqan tamsaafamaa jirachuu eeranii; odeeffannoo sirrii madda sirrii irraa qofa argachuun barbaachisaadha jedhaniiru.

 

Kirkirri lafaa irra deddeebiin Awaash Fantaallee fi naannawaa isaatti mudachaa jiru miidhaa cimaa kan geessisu akka hin taane hawaasni hubachuu qaba jedhaniiru.

 

Damee kanarratti hubannoo uumuu akkasumas mootummaan ogeeyyii leenjisuu fi humna dinagdee biyyaa ilaalcha keessa karaa galcheen meeshaalee hojii qorannoof barbaachisan bituu akka qabu himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015