Hojii rifoormii dhaabbilee teeknikaa fi ogummaa keessatti hojjetamaniin qabeenya haaraa uumuun danda'ameera - ENA Afaan Oromoo
Hojii rifoormii dhaabbilee teeknikaa fi ogummaa keessatti hojjetamaniin qabeenya haaraa uumuun danda'ameera
Mudde 30/2017 (TOI) - Hojii rifoormii dhaabbilee teeknikaa fi ogummaa keessatti hojjetamaniin qabeenya haaraa uumuun danda'amuu Ministirri Hojii fi Ogummaa aadde Mufaariyaat Kamiil beeksisan.
Dhaabbileen leenjii kunneen lammiileen yaada hojii qabeenya hojii uumuu maddisiisuu fi misoomsitoota teeknooloojii rakkoo furuu danda'anii akka ta’an taasisaa jiru jedhaniiru.
Adde Mufarihaat guddina dinagdee itti fufiinsa qabuu fi hoji dhabdummaa hir’isuuf guddina ogummaa guddisuun barbaachisaa ta’uu TOI'tti himaniiru.
Guddinna ogummaaf immoo dhaabbilee leenjii ammayyeesuu , bu’uuraalee misoomaa guutuufii fi hojiiwwan hunda galeessa hojjechuun barbaachisadha jedhaniiru.
Waggoota jijjiiramaa darban keessatti hojii rifoormii dhaabbilee teeknikaa fi ogummaa keessatti hojjetamaa tureen qabeenya haaraan uumuun danda'uu eeraniiru.
Kanaanis dhaabbileen kunneen barattoonni isaan oomishan kan yaada hojii maddisiisanii fi misoomsitoota teeknooloojii rakkoo furuu danda'anii akka ta’an gargaaraa jiru jedhaniiru.
Dhaabbileen barnootaa, leenjii, teeknikaa fi ogummaa bu'uura kanaan akka hojjechuu akka itti fufuun qaqqabummaa isaanii akka babal’isan kan hojjetamu ta'uu ibsaniiru.
Kunis Itophiyaatti lammiileen fedhii fi dandeettii qaban jiddugalaawwan kanneenitti hojii uumuu akka danda’an kan taasisu ta’uu ibsaniiru. #Ethiopia #Oromia