Uummatatti dhiyaachuun tajaajila kennamaa jiruun qisaasama qabeenyaafi yeroo hambisuun danda’amuu ibsame

Mudde 30/2017 (TOI) – Ummatatti dhiyaachuun tajaajila kennamaa jiruun qisaasama qabeenyaa fi yeroo hambisuun danda’amuu Biiroon Kominikeeshinii Oromiyaa ibse.

Naannoo Oromiyaatti sadarkaa gandaatti caasaan haaraa hojiirra oole qisaasama qabeenyaa fi yeroo hawaasa irratti qaqqabaa ture hambisuun danda’uu himeera.

Hojii hanga ammaa hojjetameenis waajjiraalee haaraa ijaaruu kan jiran ammoo suphuufi tajaajilaaf qopheessuun caasaan haaraa gahumsaa fi aantummaa uummataa qabu ramadamee tajaajila akka kennu taasifamuu eereera.
 

Bu’uruma kanaan Gandoota Aanaalee Godina Booranaafi Bulchiinsa Magaalaa Aggaarootti iddoon tajaajila hawaasaa hirmaannaa ummataatin ijaaramaa ture xumuramuun tajaajila kennuu eegalaniiru.

Caaseffamni gandaa haaraan kun gaaffii bu'uuraa hiikuudhaan tajaajila si'ataa,qaqqabamaa fi haqa qabeessa kennuun hawaasni baasii hin malleef osoo hin saaxilamin tajaajila akka argatu taasisuu jalqabuu himeera. #Oromia #Ethiopia #Ethiopian_News_Agency

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015