Leenjii Koodaroota Itiyoophiyaa irratti hirmaachuun keenya hojii keenya haala gaariin akka hojjennu nu gargaaraa jira - ENA Afaan Oromoo
Leenjii Koodaroota Itiyoophiyaa irratti hirmaachuun keenya hojii keenya haala gaariin akka hojjennu nu gargaaraa jira
Amajji 1/2017 (TOI) - Dargaggoonni naannoo Affaar, Sidaamaa fi Harii irraa leenjii 'Ethio Coders' irratti hirmaachaa jiran leenjicha irratti hirmaachuun keenya hojii keenya haala gaariin akka hojjennu nu gargaaraa jira jedhan.
Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahimad sagantaan Kooderota Miliyoona Shanii dargaggootaaf carraa guddaa ta’uu ibsuun isaanii ni yaadatama.
Dargaggoonni saganticharratti hirmaachuuf galmaa’uun ragaa gahumsaa sadarkaa idil-addunyaatti beekamtii qabu akka argatan hunduu jajjabeessuu akka qabu waamicha taasisanii turan.
Dargaggootaa Leenjiin Koodaroota Itiyoophiyaa (Ethio Coders) irratti hirmaachaa teeknooloojiiwwan ammayyaa haala yeroo ammaa jiranitti dafanii akka madaqaniif leenjichi murteessa ta'uu himaniiru.
Dargaggoo Shaambel Mohaammad Naannoo Affaaritti ogeessa tajaajila elektirikii Itiyoophiyaati.
Leenjii koodaroota Itiyoophiyaa irratti hirmaachuun isaa hojii isaa haala gaariin akka raawwatu isa dandeessisuu ibseera.
Teeknooloojii dijitaalaatiin hojjechuun kan yeroon gaafatuu fi karaa filatamaa ta'uu ibsee; carraa mootummaan mijeesefitti fayyadamuun ogummaa fi dandeettii biyyoota addunyaa adda addaa waliin walqunnamsiisuu horachuu danda'uu himeera.
Naannoo Sidaamaatti ogeessa Ejensii Saayinsii fi Teeknooloojii Naannoo Sidaamaa kan ta'e Roobeel Daani'eel gama isaan; Leenjii koodaroota Itiyoophiyaaf kennamu hundaa leenji'uun xumuruu himeera.
Dargaggeessi kun adeemsi jijjiirama teeknooloojii addunyaa baayyee saffisaa ta'uu eeree koodariin Itoophiyaa leenjii dhaloonni teeknooloojiiwwan ammayyaa haala jijjiirama yeroo ammaa keessatti mul’achaa jiranitti saffisaan akka madaqsu kan dandeessisu ta’uu himeera.
Leenjichi akka biyyaatti hojii diinagdee dijitaalaa ijaaruuf hojjetamu keessattis gumaacha olaanaa akka qabus ibseera.
Ejensii Innooveeshinii fi Teeknooloojii Naannoo Harariitti leenjisaa koodarsoota Itoophiyaa kan ta'e dargaggoo Idris Sefaa gama isaan yeroo ammaa teeknooloojiin jireenya salphisuu fi hirmaannaa fi fayyadamummaa dabaluu dandeessisaa jira jedheera.
Dargaggoota damichaa leenjisuu fi humneessuu akkasuma teeknooloojii waliin wal barsiisuuf karaa Ejensii Innoveeshinii fi Teeknooloojii Naannichaatiin hojjetamaa akka jirus eeraniiru.
Keessumaa teeknooloojiiwwan dijitaalaa fi walxaxaa hubachuu fi itti fayyadamuudhaan leenjiin kun yeroo waliin tarkaanfachuuf kan gargaaru ta’uu eeraniiru.
Kunis biyyittiin sadarkaa teeknooloojii dijitaalaatiin addunyaan irra geesse akka geessu kan taasisu ta’uu ibsaniiru.
#Itoophiyaa#Oromiyaa#coders