Manni marichaa Labsii Bittaa fi Gurgurtaa Bu'aalee Boba'aa raggase

Amajjii 1/2017 (TOI) – Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa walga’ii idilee 14ffaa har’a gaggeesseen labsii sirna bittaa fi gurgurtaa bu’aalee boba’aa irratti mari’achuun sagalee caalmaan raggaaseera.

Yaada murtoo wixinichaa kan dhiheessan walitti qabduun Koree Dhaabbii Dhimma daldalaa Aayishaa Yaahiyaa fiyadaa dinagdee fi hawaasummaa bu'aaleen Boba'aa qabuun oomishaalee tarsamaa'oo ta'uu beekisaniiru.

Wixineen kun kan dhihaate dhiheesii tarsimaaaa bu'aalee boba'aa, kuusaa fi rabsa, Sadarkaa qulqullinaa fi nageenyaa idil addunyaa kan eegaan akka ta'an taaisuufi jedhaniiru.

Bu'aalee Boba'aa Dhiheesitootaa hanga fayyadamtootaatti tekinolojiin kan deeggarame,si'ataa, iftoomina kan qabu, amanamaa, rabsa dhiheessii haqa qabeessa taasiisuuf kan dandeeisudhas jedhaniiru.

Kanaanis cancala sirna bittaa fi gurgurtaa Boba'aa keessaatti rakkolee seeraan alummaa mul'achaa jiran to'achuuf kan dandeesisu ta'uus himaniiru.

Manni marichaas gabaasa fi yaada mortoo dhihaate erga qoratteen booda yaada mormii lamaa, dhorkii sagalee tokkoo fi sagalee caalmaan raggaasiseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015