Ogeeyyiin suphaa xiyyaaraa Akkaadaamii Humna Qilleensaa Itiyoophiyaatti leenji'aa turan eebbifamaniiru - ENA Afaan Oromoo
Ogeeyyiin suphaa xiyyaaraa Akkaadaamii Humna Qilleensaa Itiyoophiyaatti leenji'aa turan eebbifamaniiru
Amajji 1/2017 (TOI) - Ogeeyyiin suphaa xiyyaara Daandii Qilleensaa Itoophiyaa marsaa 8ffaaf Akkaadaamii Humna Qilleensaa Itiyoophiyaatti leenji'aa turan eebbifamaniiru.
Eebbifamtoonni kunneen, walta'insa dhaabbilee lamaaniin Mana Barumsaa Leenjii Waraanaa Akkaadaamii Humna Qilleensaa Itoophiyaatti ji’a tokkoof leenjii ijaarsa qaamaa, guddina xiinsammuu fi jaalala biyyaarratti kennumu fudhataniiru.
Leenjifamtoonni kunneen guyyaa har'aa bakka hoggantoonni olaanoo dhaabbilee lamaanii argamanitti eebbifamaniiru.
Itti aanaan ajajaa Humna Qilleensaa Itiyoophiyaa loojistikii qilleensaa Birgaadeer Jeneraal Nagaraa Leellisaa sirna eebbaa kanarratti leenjiin kun ogeessonni haala yeroo biyyattiin keessa jirtu hubachuun naamusaa fi jaalala biyyaa qabaatanii damee itti bobba’an irratti akka ciminaan hojjetan kan gargaarudha jedhaniiru.
Garee Daandii Qilleensa Itoophiyaatti Itti aantuun Pireezidaantii humna namaa Aadde Zennabawarqi Gabratsaadiq leenjiin kun walta’iinsa dhaabbilee lamaaniin kan geggeeffame ta'uu ibsaniiru.
Leenjiin kun daandiin xiyyaaraa Itoophiyaa humna hojjetaa jaalala biyyaa, naamusa fi gahumsa qaamaan ijaarame horachuuf tattaaffii taasisaa jiru kan dhugoomsuuf gargaarudha jedhaniiru.
Eebbifamtoonni gama isaaniitiin leenjichi dandeettii isaanii kan guddise ta'uu himanii; kutannoodhaan biyya isaanii akka tajaajilanis kaka'umsa isaanitti uumuu himaniiru.
Odeeffannoon Raayyaa Ittisa Biyyaa irraa argame akka agarsiisutti sirna eebbaa kanarratti barattoota Akkaadaamii Humna Qilleensaa Itiyoophiyaa waggaa tokkoffaa fi lammaffaatti sirni asxaa aangoo uffisuu raawwatameera.