Labsiin qabeenya seeraan ala horatame deebisiisuu fi gaafatama seeraa hordofsiisu ragga’e

Amajjii 1/2017 (TOI) – Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa walga’ii idilee 14ffaa har’a gaggeesseen labsii qabeenya seeraan ala horatame deebisiisuufi gaafatama seeraa hordofsiisu raggaasiseera.

Wixineen labsichaa qabeenya mootummaa fi ummataa deebisiisuuf hanqina seeraa ture kan guutu ta’uun ibsameera.

Lammiileen hojjetanii qabeenya akka horatan kan jajjabeessu, kanneen yakkaan qabeenya horatan gaafatamtoota kan taasisu, guddina biyyaa kan saffisiisuu akka ta’e himameera.
 

Qabeenya namni dhuunfaa seeraan alaa fi malaammaltummaan horate kan deebisiisu ta’uun, raawwii isaarratti eeggannoo taasisuu fi qaamolee raawwachiistotaa cimsuun akka barbaachisuu fi mirgi qabeenya horachuu lammiilee akka hinsarbamne sirnaan ilaalamuu akka qabu ibsameera.

Walitti Qabduun Koree Dhaabbii Dhimmoota Seeraa fi Haqaa Itsagannat Mangistuun, labsichi mirga qabeenyaa horachuu fi dhaaluu heeraan ragga’ee jiru kan kan hin faallesinedha jedhaniiru.

Qabsoon farra malaammaltummaa akka cimu kan taasisu, qabeenya biyyaa saamamee fi seeran ala horatame deebisiisuu fi seeraa alummaa kan dhaabsisu akka ta’e akeekaniiru.

Labsichis sagalee mormii sadii fi kan sagalee hinkennine afuriin, sagalee caalmaan ragga'eera.

#Oromia #Ethiopia

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015