Magaalichatti bakki gahumsa turistootaa babal'achuun isaa lakkoofsi daawwatoota akka dabalu taasiseera - ENA Afaan Oromoo
Magaalichatti bakki gahumsa turistootaa babal'achuun isaa lakkoofsi daawwatoota akka dabalu taasiseera
Amajji 1/2017(TOI)- Magaalaa Finfinneetti bakki gahumsa turistootaa babal'achuusaanii fi hojii misooma koriidariin lakkoofsi daawwatoota biyya keessaa fi alaa akka dabalu taasisuu Biiroon aadaa, aartii fi turizimii magaalichaa beeksise.
Bara kana walakkaa waggaattis daawwatoonni biyya keessaa fi alaa miliyoonni 5 ol bakkeewwan hawwata turizimii magaalichaa daawwachuu biirichi beeksiseera.
Magaaloota jiddugala dippilomaasii ta'an keessaa tokko kan taate magaalaan Finfinnee bakka gahumsa turizimii heddu magaalaa qabdudha.
Hojiiwwan erga jijjirama as hojjetaman immoo yeroo daawwatoota dheesuuf carraa guddaa uumeera.
Kunis lakkoofsi daawwatoota biyya keessaa fi alaa akka dabalu taasisuu fi galiin damicharra argamus akka dabalu gahee olaanaa bahaa jira.
Itti aanaan Hogganaa Biiroo Aadaa, aartii fi turizimii magaalaa Finfinnee obbo Hundee Kabbadaa TOI'tti akka himanitti; bakki gahumsa turistootaa sadarkaa magaalaatti jiruu fi hojiiwwan misoomaa hojjetaman maqaa gaarii biyyaa ijaaruu fi guddina dinagdeef gahee olaanaa bahaa jiru jedhaniiru.
Bakka gahumsaa turizimii Maaddii Shaggariifiin misoomee fi hojii misooma koriidarii akka fakkeenyatti eeraniiru.
Gama biroon magaalichi bara bajata kana walakkaa waggaatti taateewwan idil addunyaa hedduu keessumeessuu himaniiru.
Bakki gahumsa turizimii babal'achuu isaan lakkoofsi daawwatoota biyya keessaa fi alaa haala olaanaa ta'een akka dabalu taasiseera jedhaniiru.
Ji'oota jaha keessatti qofaa turistoonni miliyoonni 5 ol bakka hawwata turizimii magaalicha kan dawwatan ta'uu ibsanii; kana keessas miliyoona walakkaa ol kan ta'an tursitoota biyya alaati jedhaniiru.
Lakkoofsi daawwatoota dabaluun immoo galiin guddina magaalichaaf akka dabaluu taasisuu eeraniiru.