Aadde Adaanech Abeebee pirojeektii jidduugala qulqulleessa dhangala'aa Boolee Arraabsaatti ijaarame eebbisuun hojii jalqabsiisan

Amajji 2/2017(TOI) - Kantiibaan magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebee pirojeektii jidduugala qulqulleessa dhangala'aa Boolee Arraabsaatti ijaarame eebbisuun hojii jalqabsiisaniiru.

Jiddugalli kun guyyaatti dhangala'a meetirkuubii kuma 30 qulqulleesuu kan danda'udha jedhameera. Sirna eebba pirojeektii kanarratti kantiibaa Adaanech Abeebee dabalatee Itiyoophiyaatti ambaasaaddara Chaayinaa ambaasaaddar Cheen Haay fi hoggantoonni olaanoo hojii mootummaa bulchiinsa magaalichaa argamaniiru.

Aadde Adaanech Abeebee sirna kanarratti; magaalichatti bu'uuraaleen misoomaa magaalaaf barbaachisan hojjetama jiru jedhaniiru.

Keessaattu magaalaa Finfinnee miidhagduu fi jireenyaaf mijattuu kan taate taasisuuf hojiiwwan hedduun hojjetamaniiru jedhaniiru.
 

Kana keessaas damee Bishaanii fi dhangala'aa irratti hojii hojjetaman eeruun hojii kanaanis bu'aan jajjabeessan galmaa'uu himaniiru.

Pirojeektiin Jiddugala qulqulleessa dhangala'aa har'a Boolee Arraabsaatti hojjetamuun eebbifamee kun egarsiiftuu jecha gara gochaatti jijjiruuf tattaffatamu mirkaneessu akka ta'ee eeraniiru.

Jiddugalli kun baasii birrii biliyoona 1.6'n kan hojjetame yoo ta'u jiraattota kuma 240 ol fayyadamtoota sirna qulqulleessa dhangala'aa ammayyaa kan taasisudha jedhaniiru.

Jiddugalli kun sararrii elektirikii kilomeetirrii 21 kan diriirfameefii fi daandiin aspaaltii keessa keessaa kilomeetirri 1.2 kan hojjetameef ta'uu himaniiru.

Jiddugalli kun sadarkaawwan qulqulleessa fi waldhaanuu sadii kan of keessa qabu ta'uu beeksisaniiru.

#Oromia #Ethiopia #Ethiopian_News_Agency #Itoophiyaa

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015