Itiyoophiyaa fi Chaayinaan damee haqaa irratti tumsan hojjechuuf fedhii akka qaban ibsan - ENA Afaan Oromoo
Itiyoophiyaa fi Chaayinaan damee haqaa irratti tumsan hojjechuuf fedhii akka qaban ibsan
Amajji 2/2017 (TOI) - Itiyoophiyaa fi Chaayinaan damee haqaa irratti tumsaan hojjechuuf fedhii akka qaban beeksisan.
Chaayinaatti Ambaasaaddarri Itiyyoophiyaa Tafarraa Darribeew Ministeera Haqaa Chaayinaatti Hogganaa Damee Tumsa Idil Addunyaa kan ta'an Yuuwaan Liyaang waliin mari’ataniiru.
Mariin kun hariiroo biyyoota lamaanii irratti kan xiyyeeffatedha jedhameera.
Marii kanaan Itiyoophiyaa fi Chaayinaan walta’iinsa tarsiimaawwaa yeroo kamiyyuu hin jijjiramne( (all-weather strategic partnership) kan qaban ta'uun gamalamaniinu eerameera.
Ambaasaaddar Tafarraan marii kanarratti akka ibsanitti; Itoophiyaa fi Chaayinaan tumsa damdaneessa ta'e kan qaban yoo ta’u, kunis walitti dhufeenya uummataa fi uummataa, invastimantii, daldala, fi turizimii kan dabalatudha jedhaniiru.
Ministeera Haqaa Chaayinaatti hogganaan damee tumsa idil-addunyaa Yuuwaan Liyaang hariiroon cimaan biyyoota lamaanii kan dinqisiifamu ta’uu ibsaniiru.
Hagganichi ji'a Guraandhala 2025 keessa Ministirri Haqaa Chaayinaa Hii Roon daawwannaa hojiif gara Itoophiyaa kan dhaqan ta'uu beeksisaniiru.
Kanaanis Dhaabbileen kunneen yaadannoo waliigaltee waliin hojjechuuf isaan dandeessisu ni mallatteessu jedhamee eegama jedhaniiru.
Mootummaan daawwannaa hojii jilli Chaayinaa Ministira Haqaatiin durfamu Itoohiyaatti taasisuu milkaa'aa akka ta'uuf deeggarsa barbaachisu kan taasisu ta'uu ambaasaaddar Tafarraa Darriboo himaniiru.
Imbaasiin Itoophiyaa Beejiingitti argamu ibsa kenneen, Daawwannaan jila kanaa tumsa tarsiimaawwa biyyoota lamaanii guddachaa dhufe keessatti boqonnaa haaraa kan uumuu ta’uu odeeffannoon Imbaasii Itoophiyaa Beejingitti argamurra argame ni mul'isa.