Magaalichatti Ayyaanni Cuuphaa karaa nagaa akka kabajamuuf qophiin gahaan taasifameera.

Amajji 3/2017 (TOI) - Magaalaa Finfinneetti Ayyaanni Cuuphaa karaa nagaa akka kabajamuuf qophiin gahaan taasifamuu Hoggantuun Biiroo Bulchiinsa Nageenyaa fi Tasgabbii magaalichaa aadde Liidiyaa Girmaa beeksisan.

Biiroon Nageenyaa fi Tasgabbii magaalichaa kabaja ayyaanaa kana ilaalchisee humnoota nageenyaa fi qooda fudhattoota adda addaa waliin mari'achaa jira.

Hoggantuun Biiroo Bulchiinsa Nageenyaa fi Tasgabbii Magaalaa Finfinnee aadde Liidiyaa Girmaa akka ibsanitti, ayyaanichi rakkoo nageenyaa tokko malee karaa duudhaa isaa eeggateen akka kabajamuuf qophiin gahaan taasifameera.

Adeemsa kana keessatti hawaasni tumsa barame cimsuu akka qabu hubachiisaanii; humni nageenyaa waloo ayyaana kanaaf qophii gahaa taasisuu isaa eeraniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015