Gabaa Kaappitaalaa kan hundaa hundumaaf taasisuuf xiyyeeffannoon ni hojjetama. - ENA Afaan Oromoo
Gabaa Kaappitaalaa kan hundaa hundumaaf taasisuuf xiyyeeffannoon ni hojjetama.
Amajji 3/2017(TOI)- Gabaa Kaappitaalaa Amanamummaa qabu, hunda hirmaachisuu fi fayydamummaa dinagdee uumuu ijaaruuf xiyyeeffannoon kan hojjetu ta'uu Daarektarri olaantuu Abbaa Taayitaa Gabaa Kaappitaalaa Itoophiyaa Haannaa Tahiilkuu beeksisan.
Ministirri Muummee FDRI Doktar Abiy Ahimad kaleessaa kaleessa Gabaa Qabeenyaa Sanadaa Itoophiyaa ifatti jalqabiisuun isaanii ni yaadatama.
Sagantaa kanarrattis mariin paanaalii taasifameera.
Marii Paanaalii kanarratti kan argaman Daarektarri olaantuu Abbaa Taayitaa Gabaa Kaappitalaa Itoophiyaa Haannaa Tahiilikuu kanaan dura sosochiin gabaa kaappitaalaa fakkaatan akka turan eeraniiru.
Waggoota darban kallattii imaammata mootummaa, rifoormii dinagdee mandhalee fi hammattoo fooyya'insa dinagdee waliigalaa irraa ka'uun hojiin Gabaa Kaappitaalaa gurmeesuu hojjetama turuu himaniiru.
Haaluma kanaan xiyyeeffannaa olaanaa kan ture hammattoowwan seeraa qopheessuu akka ture yaadachiisanii, hammattoon seeraa kun Abbaan Taayitaa Gabaa Kaappitaalaa, Gabaa Qabeenyaa Sanadaa Itoophiyaa fi dhaabbileen gabichaa walquunnamsiisan akka beekaman taasifamuu eeraniiru.
Labsichi gabicha saffisiisuuf dhaabbilee mijatanii fi teeknooloojiiwwan akka uumaman kan taasisuu hojmaanni diriirfamuu himaniiru.
Keessumaa invastaroota gidduutti daldalaa qabeenya sanadaa gaggeeffamu teeknooloojiin akka ta’uu fakkeenyan kaasaniiru.
Rakkoolee invastaroota miidhaa turan hambisuu fi ragaalee murteef gargaaraan akka argatan hojimaanni taasisu umamuu duabbataiiru.
Abbaan taayitichaa invastarri ijoon qabeenya sanadaa dhiyeessuun kan amanamuu gabaa kaappitaalaa ijaaruuf xiyyeeffannaan kan hojjetamu ta’uu himaniiru.
Dabalataan qaamoleen qooda fudhattootaa gabicha keessatti hirmaannaa dammaqaa akka qabaatan, oomishaalee fi tajaajiloonni hedduun gabaaf akka dhiyaatanii fi hunda kan hirmaachise taasisuuf kan hojjjetamu ta’uu ibsaniiru.
Interpiraayizoota xixiqqaa fi gadaanaa akkasumaas damee dhuunfaa dabalatee hunduu akka hirmaatu hojmaanni diriirfamuu kaasaniiru.
Gabaan kaappitaalaa Itiyoophiyaa diinagdee waliigalaa kan tumsanii fi damee jireenya lammiilee jijjiiru akka ta’uuf xiyyeeffannaan kan hojjetamu ta’uu eeraniiru.
Gabaan Qabeenya Sanadaa Itoophiya akaakuuwwan daldalaa sadii giddugaleeffachuun gabaalee garaagaraa sadii jechuunis Gabaa Aksiyoonaa, gabaa sanada idaa fi gabaa filmaataa kan dhiyeessu ta’uu ibsaniiru.