Doktar Maqdas Dhaabaa dhaabbilee fayyaa naannoo Sidaamaa daawwataniiru

Amajjii 3/2017(TOI)- Ministirri fayyaa Doktar Maqdas Dhaabaa dhaabbilee fayyaa naannoo Sidaamaa daawwataniiru.

Ministirri fayyaa kun dhabbilee fayyaa daawwatan keessaa kenniinsa tajaajilaa fi babal’isa pirojektii  Hoospitaala waliigalaa Adaaree magaalaa Hawaasaa fi buufanni fayyaa miiliiliyeemii keessatti argamu.

Oomisha Oksijiinii kolleejii waldhaansaa Hoospitaala Yirgaalam keessatti ijaarame eebbisanii hojii akka eegalchiisan ni’eegama.

Hoogganaan biiroo fayyaa naannoo Sidaamaa doktar Salaamaawiit Mangashaa fi hooggantoonni biroon daawwannaa kanarratti argamaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015