Baatiiwwan shanan darban galiin birrii biiliyoona 617 walitti qabameera-Ministeera galiiwwanii - ENA Afaan Oromoo
Baatiiwwan shanan darban galiin birrii biiliyoona 617 walitti qabameera-Ministeera galiiwwanii
Amajjii 3/2017(TOI)- Baatiiwwan shanan darban galiin birrii biiliyoona 617 walitti qabamuusaa Ministirri galiiwwanii adde Ayinaalem Nugusee ibsan.
በWaltajjiin marii Faayinaansii, Pilaanii fi Galiiwwanii Jimmatti taa’amaa jiru guyyaa har’aa galii walitti qabuurratti xiyyeeffatee mari’ateera.
Ministirri galiiwwanii adde Ayinaalem Nugusee wayita kana akka jedhanitti, baatiiwwan shanan darban galii birrii biiliyoona 648 walitti qabuuf karoorfamee birrii biiliyoona 617 ol walitti qabamuusaa dubbataniiru.
Kunis walitti qabuuf kan karoorfamerraa dhibbantaa 95 ta’uu ibsaniiru.
Karoora bara bajataa kana milkeessuuf waliidhahuu naga’ee dhaabbilee galii walitti qabanii fi taaksii miliqsuu ittisuu irratti xiyyeeffannoon akka hojjetan hubachiisaniiru.
Dabalataanis hojiilee hubannoo kafaltoota gibiraa guddisuu dandeessisan cimsuu, adeemsa galii walitti qabuu teeknooloojii ammayyaan deeggaruufis xiyyeeffannoon kennamuu qaba jedhaniiru.