Atileetonni Itiyoophiyaa saala lamaanuu Maaraatoonii Dubaayi mo’atan

Amajjii 4 /2017(TOI)-Maaraatoonii Dubaayi 24ffaa har’a ganama dorgomameen dhiiraan Atileet Buttee Gammachuu, dubatootaan Atileet Badhaatuu Hirphaa  mo’ataniiru.

Dorgommii dhiiraatiin Atileetonni Itiyoophiyaa sadarkaa 1 amma 10 bahaniiru.

Atileet Buttee Gammachuu sa’aatii 2 fi daqiiqaa 4 fi sakondii 50’n fageenya Kanaan sa’aatii hatattamaa bara kana  galmeessisuun xumureera.

Atileet Birhaanuu Tsagguu fi Atileet Shifarraawu Taammiruu lammaffaa fi sadaffaa bahaniiru.

Karaa walfakkaatuun dubartootaan Atileetonni Itiyoophiyaa 1ffaa amma 10ffaa bahuun olaantummaan xumuraniiru.

Atileet Badhaatuu Hirphaa sa’aatii 2 fi daqiiqaa 18 fi sakondii 27’n xumuruun mo’atteetti.

Atileet Darraa Didhaa fi Atileet Tigist Girmaa lammaffaa fi sadaffaa bahuun xumuraniiru.

Atileet Zayinabaa Yimar afraffaa baateetti.

Atileetotonni saala lamaaniin tokkoffaa bahan doolaara Ameerikaa kuma 80

badhaafamaniiru.

Dorgommicha kan qopheesse walumaa gala doolaara Ameerikaa kuma 504 badhaaseera.

Maaraatooniin Dubaay A.L.A bara 1998 irraa kaasee dorgomamaa jiru dorgommii dirreerraa atileetiksii addunyaatiin sadarkaa Warqeen kennameefidha.

#Ethiopian_News_Agency

#Ethiopia

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015