Sagantaan xumuraa dorgommii Ispoortii Ayyaana guyyaa Poolisii Itiyoophiyaa 116ffaa sababeeffachuun adeemsifamaa ture adeemsifamaa jira

Amajjii 4/2017(TOI)- Sagantaan xumuraa dorgommii Ispoortii Ayyaana guyyaa Poolisii Itiyoophiyaa 116ffaa sababeeffachuun adeemsifamaa ture adeemsifamaa jira.

Komishinar Jeneraaliin poolisii federaalaa Itiyoophiyaa Dammallaash Gabramikaa’el, de’eetaan ministiraa aadaa fi Ispoortii Makkiyyee Mahaammad akkasumas hooggantoonni olaanoo poolisii federaalaa fi keessummoonni afeeraman sagantaa Istaadiyeemii Finfinneetti adeemsifamaa jirurratti argamaniiru.

Dorgommii yaaddannoo hundeeffamaa Mudde 22 irraa eegalee guyyoota 12 darbaniif adeemsifamaa jiru kanarratti Ispoortessitoonni 640 akaakuu Ispoortii shaniin hirmaataniiru.

Dorgommichi har’a wayita xumuramu hooggantoota tarsiimawaa poolisii federaalaa jidduutti taphni kubbaa miilaa michoomaa taasifameera.

Dorgommiiwwan taphoota xumuraa Ispoortii  addaddaa har’a nidorgomamu.

#Ethiopia #Ethiopian_news_agency #federalpolice

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015