Obbo Bulchaa Dammaqsaa biyyaa fi ummatasaanii gahumsa, haqaa fi naamusa olaanaan nama tajaajilanidha-Kantiibaa Adaanech Abeebee - ENA Afaan Oromoo
Obbo Bulchaa Dammaqsaa biyyaa fi ummatasaanii gahumsa, haqaa fi naamusa olaanaan nama tajaajilanidha-Kantiibaa Adaanech Abeebee
Amajjii 4/2017(TOI)- Obbo Bulchaa Dammaqsaa biyyaa fi ummatasaanii gahumsa, haqaa fi naamusa olaanaan nama tajaajilanidha jedhan Kantiibaan magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee.
Ogeessa siyaasaa fi dinagdee kan turan biyyasaanii ittigaafatama garagaraan kan tajaajilan obbo Bulchaa Dammaqsaa du’aan boqochuunsaanii jidduu kana dhagahameera,
Sirni gaggeessaa reeffa obbo Bulchaa Dammaqsaa yaadannoo injifannoo Adwaatti raawwatameera.
Kantiibaa Adaanech Abeebee ergaa fuula marsariitiisaaniirratti barreessaniin obbo Bulchaa Dammaqsaa ga’umsa guddaa, amanamummaa, haqa qabeessummaa fi naamusa namoomaa olaanaan biyyaa fi ummatasaanii nama tajaajilanidha jedhaniiru.
Olmaa guddaa biyyaaf kan oolan obbo Bulchaa Dammaqsaan nyaadannoo injifannoo Adwaatti reeffisaanii gaggeeffamuusaa ibsaniiru.
Kantiibaa Adaanech Maatii fi firootasaaniif jajjabina hawwaniiru.