''Poolisoota fi qaamolee nageenyaa biroo 340'f mana jireenyaa kennineerra" - ENA Afaan Oromoo
''Poolisoota fi qaamolee nageenyaa biroo 340'f mana jireenyaa kennineerra"
Amajji 5/2017(TOI) - Kantiibaan magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebee ''Poolisoota fi qaamolee nageenyaa biroo 340'f mana jireenyaa dabarsanii kennuu beeksisan.
Wayita misooma koriidarii magaalaa keenyaa marsa lammaffaa hojii jalqabsiifnu jennu kaampii Poolisootaa yeroo daawwannu miseensoonni poolisii kaampicha keessaa maatii fi ijoollee isaanii waliin haala mijataa hin taane keessa jirachaa akka turan hubannee akkuma jiraattota magaalaaf taasifne qaamolee nageenyaa maatii qaban 340'f mana jireenyaa kennineera jedhaniiru.
Aadde Adaanech ergaa karaa miidiyaa hawaasummaa isaanii dabarsaniin, Poolisiin dursa biyyaaf jechuun nageenyaaf aarsaa kanfaluun kan tajaajilu waan ta'eef gara fuula duraattis haala jireenyaa mijataa akka qabaatan dhaabbilee isaanii fi qooda fudhatoota biroo waliin ta'uun ni hojjenna jedhaniiru.