Mallattoo injifannoo kan ta'e Hidhi Haaromsaa Guddichi ItIyoophiyaa hanga hojiin isaa xumuramutti tokkummaan ciminaan hojjechuun barbaachisaadha - ENA Afaan Oromoo
Mallattoo injifannoo kan ta'e Hidhi Haaromsaa Guddichi ItIyoophiyaa hanga hojiin isaa xumuramutti tokkummaan ciminaan hojjechuun barbaachisaadha
Amajji 5/2017(TOI) - Mallattoo injifannoo Itiyoophiyaa kan ta'e Hidhi Haaromsaa Guddichi Itiyoophiyaa hanga hojiin isaa xumuramutti tokkummaan ciminaan hojjechuu akka itti fufu namni dhimma Hidha Haaromsaa Guddichaarratti hojjechuun beekamu Ustaaz Jamaal Bashir waamicha taasisan.
Itiyoophiyaan lageen daangaa ce'anii deeman irratti karaa fayyadamummaa waloo mirkaneesseen walitti hidhamsa naannawaa cimsuuf ciminaan hojjecha jirachuu Ustaaz Jamaal Bashir beeksisaniiru.
Hidha Haaromsaa Guddicha Itiyoophiyaa fi siyaasaa laga Abbaayyaa waliin wal qabatan irratti xiyyeeffachuun hojii hojjetuu fi abbaa Miidiyaa 'Abbaay Nugusoochi' jedhamuu kan ta'e Ustaaz Jamaal Bashir Hidhi Haaromsa Guddichi Itiyoophiyaa mallattoo boonsisaa fi injifannoo Itiyoophiyaati jedheera.
Itiyoophiyaan biyya laggeen ishee gara biyyoota biroo deemanidha malee biyya biyya gara biraa irraa laggeen dhufan hin qabne garuu immoo misooma waloo irratti kan dursitudha jedhaniiru.
Fakkeenyaaf waliigaltee Bu’uuraa Tumsa Laga Naayilii Ugaandaa Inteebeetti taasifame hojiirra oolchuuf gahee adda duree taphachuu ishee himaniiru.
Waliigaltee kun biyyoonni yaa'a laggeenii waliin qooddatan sirna bulchiinsa qabeenya bishaanii haqa qabeessa ta’e diriirsuu gahee olaanaa qaba jedhaniiru.
Dabalataan walitti hidhamiinsa bu’uuraalee misoomaa Afrikaa keessaatti dhiyeessii anniisaa haaromfamuu dhugoomsuuf kutannoo qabdus kan agarsiisu ta’uu ibsaniiru.
Hidhi haaromsaa gudiichi Itiyoophiyaa Itiyoophiyaanonni dhiibbaa naannaawwaa fi idil-addunyaaf osoo hin jilbeeffatiin kan dhugoomsine mallattoo biyyaalessaa Itiyoophiyaati jedhaniiru.
Pirojektiin kun pirojektii ashaaraa Itiyoophiyaatiin ijaarame, gumaacha diinagdee guddaa kan qabu, pirojektii dantaa biyyaalessaa ta’uu ibsaniiru.
Ammas lammiileen Itiyoophiyaa hundi hanga hidhichi xumuramutti deeggarsa maallaqaa fi dippilomaasii irratti tokkummaan waliin akka hojjetan waamicha taasisaniiru.
Rakkoon keessoo adeemsa mariitiin furmaata argachuu akka qabu ibsanii; tokkummaan dhaabbachuu fi dantaa biyyaatiif tumsuun barbaachisaa ta'uu eeraniiru.
Kanaaf Hidha Haaromsaa Itiyoophiyaa kan mallattoo injifannoo biyyaalessa ta'e irratti ejjennoon adda ta’e jiraachuu hin qabu jedhaniiru.