Industiriiwwan magaaliichaa keessatti argaman caalaatti bu'a qabeessa taasisuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jira

Amajji 5/2017(TOI) - Industiriiwwan magaalaa Sandaafaa Bakkee keessatti argaman caalaatti bu'a qabeessa taasisuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuun himae.

Guyyaa har'aas jilli Hoogganaa Biiroo Invastimantii fi Industirii Oromiyaa Obbo Ahimad Idiriisiin durfamu qamolee dhimmi ilaallatu waliin ta'uun magaalichatti Industiriiwwan sadarkaa adda addaa irra jiran daawwate.
 

Kaayyoon daawwannaa kanaas Industiriiwwan magaaliichaa keessatti argaman caalaatti bu'a qabeessa akka ta'an deeggarsa barbaachisaa taasisuuf, Industiriiwwan muuxannoo gaarii qaban adda baasuun gara warra birootti muuxannoo isaanii babal'isuu fi rakkoolee Industiriiwwan muudatan sadarkaa isaaniitiin adda baasuun qooda fudhattoota waliin ta'uun furmaata akka argatan gochuuf ta'uu odeeffannoon wajira kominikeeshinii magaalichaarra argame ni'mul'isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015