Guyyoota itti aanaan haalli qilleensaa jiidhaa fi duumeessa qabu bal'inaan ni jiraata - ENA Afaan Oromoo
Guyyoota itti aanaan haalli qilleensaa jiidhaa fi duumeessa qabu bal'inaan ni jiraata
Amajji 5/2017(TOI) -Guyyoota itti aanaan naannawwaa adda addaatti haalli qilleensaa jiidhaa fi duumeessa qabu bal'inaan kan jiraatu ta'uu Instiitiyutiin Meetirolojii Itiyoophiyaa beeksise.
Insitiitiyutichi ibsa TOI'f ergeen guyyoota kurnan dhufanitti bakkeewwan muraasa jiddugala Baha, Kabaa bahaa,Kaaba lixaa akkasuma Naannaawwaa Kibba Lixa Itiyoophiyaatti haalli qilleensa jiidhaa fi uuwwisni duumessaa bal'inaan kan jiraatu ta'uu beeksiseera.
Kunis naannolee biyyatti bakka hedduutti erga midhaan walitti qabameen booda hojii hojjetamuuf mijata ta'uu eerera.
Haaluma kanaan Kibbi Oromiyaa, Sidaamaa, Kibbaa lixaa fi Lixinni roobaa salphaa hanga jiddugaleessa kan argatu ta'uu beeksiseera.
Haalli qilleensa bonaa gogaa, aduu fi qilleensa qabu guyyoota itti aananis kan itti fufu ta'uu eerera.
Keessattu naannaawwaan oomishini Arfaasaa itti oomishamutti ooyiruu irraa haftee oomishaalee adda addaarra hafanii qulqullesuun barbaachisaa ta'uu hubachiiseera.
Guyyoota jalqabaa torban kanaa keessatti naannolee kibba Itiyoophiyaa, baha, kaaba bahaa fi giddugaleessa biyyattii tokko tokkotti jiidhinni sadarkaan xiqqaa ta'e ni jiraata jedheera.
Kunis naannoo Horisiise bulaa fi gariin horiise bulaatti dhiyeessii nyaata beelladaa fi bishaan dhugaatii fooyyesuu keessatti gahee gaarii ni qabata jedheera.
Inistiitiyuutichi ibsa baaseen naannaawwan oomisha ji'a arfaasaa dafanii jalqaban ooyiruu isaanii dafanii akka qopheeffataniif haala mijata kan uumu ta'uus ibseera.
Amajji 13 hanga 23/2017'tti haalli qilleensa bonaa gogaa, aduu fi qilleensa qabu naannaawwa biyyatti irra caalaan kan jiraatu ta'uu ibseera.