Manneen Murtii aadaa sirna haqaa fooyyesuuf tattaaffii taasifamu deeggara jiru.

Amajji 5/2017 (TOI) -Manneen Murtii aadaa sirna haqaa fooyyesuuf tattaaffii taasifamu baay'ee deeggaraa jirachuu Pirezidaantiin Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa obbo Gazaalii Abbaa Simal beeksisan.

Garee hooggansaa qaamolee haqaa naannoo fi gadinaalee Pirizedaantii Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa obbo Gazaal Abbaa Simaliin durfamu adeemsa manneen murtii aadaa magaalaa Mattuutti argamanii daawwataniiru.

Obbo Gazaalii Abbaa Simal wayita kana akka himanitti, labsii lakkoofsa 240/2013'n kan hundeeffame manni murtii aadaa adeemsa haqa mirkaneessuu keessaatti deeggarsa cimaa taasisaa jiru jedhaniiru.

Naannichaatti erga manneen murtii aadaa hoji jalqabanii waggaa sadi keessatti galmeewwan miliyoona 1 olirratti murteen kennameera jedhaniiru.

Adeemsi murtii kennuu manneen murtii aadaa tokko tokko manneen murtii idileef illee akka muuxannootti kan fayyadan ta'uu ibsaniiru.

Bulchaan godina Iluu Abbaa Booraa obbo Indaalkaachoo Tafarii gama isaaniin godinichatti sirna haqaa mirkaneesuuf hojiiwwan hojjetaman yeroo gara yerootti fooyya'a jiru jedhaniiru.

Kana keessatti hojiin manneen murtii aadaa gahee olaanaa kan qabu ta'u beeksisaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015