Waldaan dhaabbilee daawwachiiftotaa Biraazil damee Tuurizimii Itiyoophiyaa beeksisuuf tumsaan akka hojjetu ibse - ENA Afaan Oromoo
Waldaan dhaabbilee daawwachiiftotaa Biraazil damee Tuurizimii Itiyoophiyaa beeksisuuf tumsaan akka hojjetu ibse
Amajjii 5/2017 (TOI)- Waldaan dhaabbilee daawwachiiftotaa Biraazil guddichi Itiyoophiyaan bakka Tuurizimii ta’uushee Lammiilee Biraaziliif gama beeksisuutiin tumsaan hojjechuuf fedhii qabaachuusaa ibse.
Biraazilitti Ambaasaaddarri Itiyoophiyaa Li’ulsaggad Taaddasee pirezidaantii waldaa dhaabbilee daawwachiiftota Turistootaa guddichaa f Kaarooliinaa Meediyeeroos waliin mari’ataniiru.
Mariin kun dameen Tuurizimii fi carraalee hedduu damee kanaa ilaalchisuun marii bu’a qabeessa taasisuusaanii ambaasaaddarichi miidiyaa hawaasummaasaanii irratti barreessaniiru.
Waldichi fedhii agarsiseen Embaasicha waliin ta’uun Itiyoophiyaan akka bakka turizimii taate Biraazilootaaf beeksisuuf tumsaan hojjechuuf waliigaluusaanii ibsaniiru.