Manni marichaa yaa’ii idilee taa’aa jira - ENA Afaan Oromoo
Manni marichaa yaa’ii idilee taa’aa jira
Amajjii 6 /2017(TOI)-Manni maree bakka bu’oota ummataa walgahii idilee 15ffaa bara hojii waggaa afraffaa taa’aa jira.
Manni marichaa yaa’ii Kanaan gabaasaa fi yaada murtee labsii wixinee taaksii qabeenyaa ilaalchisuun koree dhaabbataa dhimmoota pilaanii, bajataa fi fayinaansiin dhihaatu ilaalee akka raggaasu ni’eegama.
Kana malees gabaasaa fi yaada murtii koreen dhaabbataa dhimmoota seeraa fi haqaa yaada gaggeessaa gumiin bulchiinsa abbootii murtii federaalaa abbootii murtii lama irratti dhiheesse ilaalee akka raggaasisu ibsameera.
Dabalataanis muudama daarektara olaanaa abbaa taayitaa miidiyaalee Itiyoophiyaa ilaalee niraggaasisa jedhamee akka eegamu odeeffannoon mana murteerraa argame nimul’isa.