Dhaabbanni Tirasti Fandii Diyaaspooraa Itiyoophiyaa pirojektoota fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessan kudhan hojjecha jira - ENA Afaan Oromoo
Dhaabbanni Tirasti Fandii Diyaaspooraa Itiyoophiyaa pirojektoota fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessan kudhan hojjecha jira
Amajji 6 /2017 (TOI) - Dhaabbanni Tirasti Fandii Diyaaspooraa Itiyoophiyaa pirojektoota fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessan kudhan naannolee biyyatti adda addaatti hojjechaa jirachuu beeksise.
Dhaabbanni Tirast Fandii Diyaaspooraa Itoophiyaa daawwannaa Ministirri Muummee Doktar Abiy Ahimad bara 2010 Ameerikaatti taasisaniin booda, waamicha lammiileen Itoophiyaa fi dhalattoonni Itiyoophiyaa buna guyyaa guyyaan dhugan irraa doolaara tokko hir'isuun misooma biyya isaaniif akka arjoomaniif deebii kennuuf kan hundeeffamedha.
Tirasit Fandichi erga hundaa'ee eegalee Vaayirasii Koroonaaf deebii kennuu dhiheessii tajaajila qulqullinaaf waantota oolan baasii doolaara miliyoona 2 tuqaa 9'n akkasuma waamicha yeroo ariifachiisaaf doolaara miliyoona 1 tuqaa 2 deeggarsa taasisuu beeksiseera.
Gorsaan tarsimoo Itiyoophiyaa diyaaspooraa tirasti Fandii obbo Abirihaam Asiraat TOI'tti akka himanitti Tirasit Fandichi pirojeektota bishaan dhugaatii qulqulluu 14 ijaarsa manneen qulqullinaa(Fincaanii), manneen barnootaa 48 dabalatee sirna nyaataa fi pirojeektoota biroo hojjechuu himaniiru.
Dhaabbatichi waggoota darban naannoo adda addaatti hojiiwwan rakkoo dinagdee fi hawaasummaa furuuf kan dandeesisan hojjecha turuu beeksisaniiru.
Hojiin Misoomaa kunis lammilee kuma 57 fayyadama kan taasise ta'uu eeranii; yeroo ammaas doolaara miliyoona 1 tuqaa 21 oliin naannoo adda addaatti pirojeektoota adda addaa 10 kan hawaasa fayyadamaa taasisu hojjecha jira jedhaniiru.
Pirojeektoonni kunneen dhaabbilee fayyaa deeggaruu, pirojeektoota misooma hawaasummaa fi dinagdee deeggaruu, deeggarsa yeroo atattama adda baasuun deeggaruu ta'uu himaniiru.
Gara fuula duraattis humna diyaaspooraa walitti qabuun rakkoolee hawaasummaa fi dinagdee Itoophiyaa hojiiwwan furuu danda'an akka hojjetu hubachiisaniiru.