Reeshiyoo liqaan omisha Waliigalaa(GDP) Itiyoophiyaa keessatti qabu gara dhibbeentaa 13 tuqaa 7tti gadi busuun danda'ameera

Amajji 6/2017 (TOI) - Tarkanfiiwwan erga jijjiramaa asii fudhatamaniin Reeshiyoo liqaan omisha Waliigalaa(GDP) Itiyoophiyaa keessatti qabu gara dhibbeentaa 13 tuqaa 7tti gadi busuun danda'amuu Ministirri Pilaanii fi Misoomaa Doktar Fitsum Asaffaa beeksisan.

Doktar Fitsum Asaffaa bu'aa fooyya'insa dinagdee gooroo fi tarkaanfiiwwan itti aananii fudhatamuu qaban ilaalchisee ibsa kennaniiru.

Mootummaan rakkoolee sirnaa fi caasaa jijjiirama kanaan dura turan furuuf kallattii imaammata dinagdee fi hawaasummaa haaraa hordofuu ibsaniiru.

Kallattiin imaammata misoomaa kun hundagaleessa, gaaffii walqixxummaa lammiileef deebii kennuudhaaf dursa kan kennu yoo ta’u, sirna hunda hammatedha jedhaniiru.

Qonna, indastirii oomishaa, albuuda, turizimii, fi dinagdeen dijitaalaa madda guddinaa walqixa akka ta'aniif xiyyeeffannoon kennamuu fi madaalliin qooda fudhattoota dinagdee gidduu jiru akka sirreeffamuu taasifamuu ibsaniiru.

Kunis gahee olaanaa mootummaan dinagdee keessatti qabaachaa ture gara damee dhuunfaatti dabarsuu hojiin hojjetamuu kan agarsiisudha jedhaniiru.

Imaammattoonni misoomaa kunneen waggootaf rakkoo ta'ee kan ture ca'umsa caasaa galmaan ga’uuf kan kaayyeffate ta’uus ibsaniiru.

Fooyya'insi dinagdee mandhalee marsa jalqabaatti hojiirra oole keessatti imaammatichi dinagdee ammayyeessuun dorgommiif banaa taasisuu keessaatti fooyya'insa bal'aa fiduu eeraniiru.

Waggoota jijjiirama darban keessatti galii mootummaa guddisuu, bulchiinsa baasii sirreessuu, hojii fi raawwii pirojektii qorannoo irratti hundaa’e fooyyessuu fi deeggarsa kaayyoo yaadameef ooluchuurratti bu’aan gaariin argamuu ibsaniiru.

Keessattuu galiin mootummaa kan bara jijjiiraman ture caalaa dachaa hedduun dabaluu ibsaniiru.

Jijjiirama kanaan dura akkaataan misoomni Itoophiyaa maallaqaan deeggaramee biyyattiin liqaa cimaa ofirraa akka qabaattu akka taasise himanii; waggoota jahan darban kana keessatti kana sirreessuuf hojiiwwan hedduun hojjetamaa turuu ibsaniiru.

Kanaanis Liqii daldalaa kamiyyuu fudhachuu dhiisuudhaan, liqeesitoota waliin mari'achuun akka liqaa ceesisan taasisuun liqii biyya irra jiru baay’inaan kaffaluun ba’aan liqaa akka hir’atu taasifamuu himaniiru.

Kanaanis reeshiyoon liqaa omisha Waliigalaa(GDP) Itoophiyaa keessatti qabu gara dhibbeentaa 13 tuqaa 7tti gadi busuun danda'ameera. jedhaniiru.

Jijjiiraman dura garuu dhibbeentaa 30 ol akka ture yaadachiisaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015