Manni Maree Ministirootaa dhimmoota garaagaraarratti mari'achuun murtoo dabarse

Amajjii 6/2017 (TOI)-Manni Maree Ministirootaa Walga'ii Idile 41ffaa gaggeesseen dhimmoota garaagaraarratti mari'achuun murtoo dabarseera.

Haaluma kanaan:

1. Mootumman Itiyoophiyaa Waldaa Misoomaa Idil Addunyaa waliin raawwii pirojektii fooyyessa tajaajila mootummaaf waliigaltee deeggarsa maallaqaa fi liqii SDR miiliyoonaa 53 fi kuma 300 akkasumaas raawwii pirojektii damee faayinaansii cimsuuf kan ooluu SDR miiliyoona 500 fi miiliyoona 25 fi kuma 700 raggaasisuuf wixineewwan labsii lamarratti mari’ateera.

Kanaanis liqiiwwan lameen dhalarraa bilisa, kaffaltii tajaajilaa %0.75 kan itti kaffalamuu ta’ee, yeroo haafura fudhannaa waggoota ja’aa dabalatee waggoota 38 keessatti kaffalamee kan xumuramu ta’uun ibsameera.

Manni marichaas imaammataa liqii biyyaattii waliin kan walsimu ta’uu mirkaneessuun wixineewwan labsichaa Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataaf akka qajeelfaman sagalee guutuun murteesseera.

2. Dambii onnachiistuu invastimantii fooyyessuuf dambii ba’erratti mari’ateera. Dambii onnachiistuu invastimantii lakkoofsa 517/2014 hojiirra oolaa jiraatus dambichi ba’uun duras ta’e, booda, dhaabbileen dameewwan garaagaraarratti bobba’an rakkoon raawwii mudachaanii jiraachuun eerameera.

Tumaawwan dambichaa akka ifa ta’aniif dambii fooyyeffamuun dhiyaate irratti mari’atee gabbisuun, dambichi guyyaa Gaazeexaa Nagaariit irratti maxxanfamee ba’ee eegalee hojiirra akka oolfamu sagalee guutuun murtoo dabarseera.

3. Wixinee dambii qabiyyee fi bulchiinsaa Dhabbilee misooma mootummaa haquuf ba’erratti maria’ateera. Hojiilee ‘piraayveetaayizeeshinii’ bulchiinsaa fi qabiyyee dhaabbilee misoomaa mootummaa gara Koorporeeshinii Bulchiinsaa Qabeenyaa fi Idaatti dabarfamuun akka gaggeeffaman taasisuuf seerrii bulchiinsaa fi qabiyyee dhaabbilee dhuunfaa haqamee, mirgaa fi itti gaafatama jiru koorporeeshinichaaf kennuun barbaachisaa ta’uun dambichi mana marichaaf dhiyaateera.

Manni marichaas wixinee dambichaarratti bal’inaan mari’achuun ergaa gabbisee, guyyaa Gaazeexaa Nagaarit irratti maxxanfamee ba’ee eegalee akka hojiirra oolu sagalee guutuun murtoo dabarseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015