Raawwiin hojii pirojeektii babal'isuu buufata doonii goga Mojoo marsaan jalqabaa dhibbeentaa 80 gaheera

Amajji 6/2017(TOI) - Raawwiin hojii pirojeektii babal'isuu buufata doonii goga Mojoo marsaan jalqabaa dhibbeentaa 80 gahuu Hoji geggeessaan pirojeektichaa injinar Dasaaleny Geetahuun beeksisan.

Buufata Doonii Gogaa Mojoo gara buufata loojistikii hundagaleessaatti jijjiruun daldala al-ergii fi alaa galchii si'ataa taasisuuf hojiin ijaarsa isaa babal'isuu eegalamuun ni yaadatama.

Ogeeyyiin miidiyaalee adda addaa irraa walitti dhufan raawwii hojii babalina pirojeektii buufata doonii gogaa Mojoo marsaan jalqabaa maal irra akka jiru daawwataniiru.

Hoji Raawwachisaan Pirojektichaa injinar Dasaaleny Geetahuun Pirojektii babal’ina buufata doonii goga Mojoo saffisaan hojjetama jirachuu himaniiru.

Pirojektichi marsaa jalqabaa lafa heektaara 60 irratti ijaaramaa akka jiru himaniiru.


Kanaanis hojiin bu’uuraalee misoomaa, daandii konkiriitii afuu, ICT, elektiromakaanikaal, dallaa fi ijaarsi mana kuusaa hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Waliigalaan ijaarsi kun kan marsaa jalqabaa hojiin isaa yeroo ammaa dhibbeentaa 80 irra gahuu himanii; bara dhufu pirojeektichi hojiin isaa xumuramuun tajaajila kunnuu ni jalqaba jedhaniiru.

Pirojeektiin babal'isuu kun humna keessumeesuu buufatichaa, si'aaminaa fi tajaajiloota biroo kana waliin hidhata qaban kan jijjiru ta'uu hubachiisaniiru.

Dabalaan koriidarii daldala Itiyoo -Jibutii ilaalcha keessa galchuunii fi humna dinagdee biyyatti baachuu akka baatu itti yaadamee ijaarama jira jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015