Obbo Tamasgeen Xurunaan sosochii biyyaalessaa Misooma Sululaa kan bara kanaa eegalchiisan

Amajjii 6/2017 (TOI)- Itti aanaan Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunaan sosochii biyyaalessaa Misooma Sululaa kan bara 2017 eegalchiisaniiru.

Obbo Tamasgeen Xurunaa ergaa gama miidiya hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, Misooma sululaa babal’isuun qabeenya biyyee qabnu badhaadhinaaf olchuuf tattaafachuu qabna jedhaniiru.

Haaluma kanaan sosochiin biyyaalessaa misooma Sululaa qindaa'aan kan bara 2017 eegaluu ibsaniiru.

Karoora misooma qabeenya umaama galmaan ga’uuf waggaa waggaan lammiilee miiliyoona 14 ol hirmaachiisuun hojii misooma Sululaa hojjetameen jijjiramni qabatamaan argamuu eeraniiru.

Kunuunsa qabeenya umamaa fi misooma Sululaa hojirra oolchuun diinagdee jijjirama qilleensaa dandamachu danda’u ijaaruun murannoo qabnu agarsifmeerra jedhan.

Bara kana lafa heektaara miiliyoona 4 tuqaa 1 irratti eegumsi qabeenya umamaa fi misoomni Sululaa kan gaggeeffamu ta’uu ibsaniiru.

Obbo Tamasgeen Xurunaa karoorri qabame akka milkaa’uuf qaamni hundi akka hirmaatu waamicha dhiyeessaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015