Yuunivarsiitiin Haramaayyaa sanyii filatamaa Moosee fi midhaan adda addaa qorannoon argate qonnaan bultootaaf rabsuufi - ENA Afaan Oromoo
Yuunivarsiitiin Haramaayyaa sanyii filatamaa Moosee fi midhaan adda addaa qorannoon argate qonnaan bultootaaf rabsuufi
Amajji 7/2017(TOI) - Yuunivarsiitiin Haramaayyaa sanyii filatamaa Moosee fi midhaan adda addaa kan qorannoon argate qonnaan bultootaaf rabsuuf akka jiru beeksise.
Sanyiin filataamaa yuunivarsiitichi qorannoon fooyyesee kunneen dhukkuba kan damdamatanii fi oomishinni guddaan kan irraa argamu ta'uun ibsameera.
Yuunivarsiitiin Haramaayyaa hojii baruu fi barsiisuu idileen hojjetu cinaatti hojii qorannoo fi qo'annoo hawaasa naannaawwaa fayyadamoo taasisaan hedduu hojjecha jirachuu beeksiseera.
Yuunivarsiitichatti daarektara misooma Intarpiraazii Doktar Katamaa Baqqalaa TOI'tti akka himanitti; Yuunivarsiitichi sanyii filatamaa Moosee fi midhaan gosa adda addaa qorannoon bu'a qabeesummaan isaanii mirkanaa'e baay'iseera.
Haaluma kanaan mooraa muummee Yuunivarsiitichaa keessaatti kan argamu lafa heektaara 106 irratti sanyii moosee, boqqoolloo, mishingaa, qamadii fi midhaan gosa adda addaa kan biroo gatii madaalawwaan qonnaan bultootaaf rabsuuf qophaa'eera jedhaniiru.
Sanyiiwwan fooyyeeffamaN kanneen ooyiruu qonnaan bultootarratti hojiin madaksuu hojjetamuus himaniiru.
Sanyiiwwan filatamoo kanneen keessaa keessattu sanyiin moosee ''Bubu fi Guddannee'' jedhaman dhibee damdamachuun lafa heektaara tokko irraa hanga oomisha kumataala 350 kennuu danda'anidha jedhaniiru.
Sanyiin filatamaa boqqoolloo Malkaasaa 3 fi BH-560 jedhamanis lafa heektaara tokko irraa callaa kumataala 55 hanga 60 oomishuun kan ittiin danda'amudha jedhaniru.
Dabalataan mooraa yuunivarsiitii Haramaayyaa kan muummee keessaatti kan argamu lafa heektaara 11 irratti hojiin sanyii filatamaa Ataraa baay'isuu hojjetama jirachuu eeraniiru.
Sanyiiwwan baay'ifamaa turan kunneen yeroo dhihootti naannoo Hararii, godina Harargee Bahaa fi Lixaatti waldaalee sanyii baay'isuu irratti bobba'anii fi qonnaan bultootaaf rabsuuf hojjetama jira jedhaniiru.