Hidhattoota duraanii waamicha nagaa fudhatanii galan deebisanii dhaabuu cimee itti fufeera

Amajji 7/2017(TOI) - Naannawa adda addaatti waamicha ummataa fi mootummaa fudhachuun hidhatoota galan gara jireenya idilee isaaniitti akka deebi'an deebisanii dhaabuun cimee itti fufuu Komishinarri Komishiinii Haromsaa Biyyaalessaa Tamasgeen Xilahuun beeksisan.

Komishinarichi kana kan jedhan naannoo Amaaraa godina jiddugala Gondor aanaa Cilgaa jiddugala Sarabaatti leenjii deebisanii dhaabuu hidhatoota duraaniif kennamu yeroo jalqabsiisanidha.

Daandiin nagaa karaa tasgabbii qabuun waldhabdee furuuf murteessaa ta'uu himanii; hidhatoonni waamicha nageenyaa mootummaa fi ummataa fudhachuun isaanii biyyaaf abdii guddaadha jedhaniiru.

Hidhatoonni duraanii gara haaromsaatti galanis uummata miidhaan deebi'anii kiisuuf qophii ta'uu isaanii agarsiisuu himanii; kunis hidhatoota hanga ammmaatti bosona jiraniif barnoota kan ta'udha jedhaniiru.

Komishinichi hidhatoonni duraanii gara jireenya idilee isaanitti deebi'anii akka jiraataniif naannoo Tigiraay, Affaar, Oromiyaa fi Amaaraatti hojii garaa garaa hojjecha jira jedhaniiru.

Hojiin deeggarsaa fi deebisanii dhaabuu cimee itti fufuu eeraniiru.

Hidhatoonni duraanii waldhabdee karaa nagaan furuuf murteesuun isaanii gatii nageenyaa hubachuu isaanii kan mul'isu ta'uu Itti aanaan Komishinara Komishiinii Haaromsa Biyyaalessaa birgaader jeneraal Darribee Makuraa himaniiru.

Ijaarsa biyyaa keessatti hirmaachuun carroomuu fi dirqama seenaa ta'uu himanii; hidhatoonni duraanii carraa argatanitti fayyadamuun humana nageenyaa fi misooma akka ta'an hubachiisaniiru.

Hidhattoonni duraanii gara leenjii haaromsaatti galanis hawaasa kanaan dura miidhan kan kiisan ta'uu himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015