Warshaan Sukkaara Wanjii sanada qorannoo bu'a qabeesummaa fudhate

Amajji 7/2017 (TOI) - Tajaajilli Pirojektoota Industirii sanada qorannoo bu'a qabeesummaa(feasibility study) Warshaa Sukkaaraa Wanjii Shawaa xumuree kenneef.

Itti waamamni isaa Korporeshinii Misooma Inustiriif kan ta'e dhaabbannii buleessii Tajaajila Pirojektoota Industirii, damee qorannoo fi gorsaa , Qorannoo bu'a qabeesummaa (feasibility study), tilmaama qabeenyaa fi tajaajila damee addaa irratti dhaabbilee adda addaa waliin hojjecha tureera.

Haaluma kanaan tajaajilichi qorannoo bu'a qabeesummaa warshaa Sukkaara Wanjii Shawaa xumuruun warshichaaf dhiheeseera.


Hogganaan Waliigalaa Tajaajila Pirojektoota Industirii obbo Shifarraw Salamoon fi Hogganaan olaanaa Warshaa Sukkaaraa Wanjii Shawaa obbo Jamaal Amaan sanada qorannichaa walirraa fudhaniiru.

Obbo Shifarraaw Salamoon wayita kana akka himanitti qorannoon bu'a qabeesummaa kun warshichi saffisaan hojiitti akka seenu kan dandeessisu yoo ta’u, dhiheesii sukkaara biyya keessaa dabaluu fi sadarkaa idil-addunyaatti dorgomaa akka ta’u kan gargaarudha jedhaniiru.

Hogganaan olaanaa Warshaa Sukkaara Wanjii Shawaa obbo Jamaal Amaan gama isaaniin; Warshaan Sukkaaraa Wanjii Shawaa akkuma biyyaatti warshaa hojii hedduu hojjetu ta’uu himaniiru.

Sanadni qorannoo bu'a qabeesummaa dhiyaate kun yeroo dhiyootti hojiirra akka oolu himuu isaanii odeeffannoon Korporeshinii Misoomaa Paarkiwwaniirraa argame ni mul'isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015