Hojiin kenna tajaajila lammummaa hojii idilee ta’uun itti fufuu qaba - ENA Afaan Oromoo
Hojiin kenna tajaajila lammummaa hojii idilee ta’uun itti fufuu qaba
Amajjii 7/2017(TOI) - Hojiin kenna tajaajila lammummaa, hojii hawaasa biratti aadeffatamuu qabuu fi hojii idileen hojjetamu ta’ee itti fufuu akka qabu Af-Yaa’iin Mana Maree Federeeshinii Aganyoo Tashaagar hubachiisan.
Manneen jireenyaa harka qalleeyyii shaniif magaalaa Gambeellaatti Ministeera Haqaa fi dhaabbilee itti waamami isaanii ministeerichaaf ta'aniin hojii tajaajila lamummaan hojjetaman bakka Obbo Aganyoo Tashaagar argamanitti kennamaniiru.
Obbo Aganyoo Tashaagar wayita kana akka himanitti, mootummaan fayyadamummaa hawaasaa mirkaneesuuf hojii nama irratti xiyyeeffatan hedduu hojjechaa jira.
Keessattuu tajaajila tola ooltummaa waqtii gannaan jiruu fi jireenya kanneen nama isaan deeggaru hin qabne fooyyesuuf hojii hojjetameen bu'aan hedduun galmaa'eera jedhaniiru.
Hojiin kenna tajaajila lammummaa, hojii hawaasa biratti aadeffatamuu qabuu fi hojii idileen hojjetamu ta’ee itti fufuu kan qabu ta'uu hubachiisaniiru.